Itiyoophiyaa keessatti weerarri dhibeewwan Busaa, Koleeraa fi Gifiraa miidhaa guddaa geessisaa akka jiru, Ministeerri Fayyaa fi Jaarmiyaan Mootummootaa ibsaniiru. Ha'ra Gaazexeessitootaaf dhimma kanarratti ibsa kan kennan Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa Dooktor Meqdes Dhaabaa, dhibeewwan kun miidhaa darbaa akka hin geessisne xiyyeeffannoon akka hojjetamaa jiru dubbatan. Jaarmayaa Mootummootaatti, Biiroon gargaarsa namoomaa; OCHA; gabaasa dhimmuma kanarratti xiyyeefate har'a baaseen Amajjjii haga Waxabajjii darbe kana Itiyoophiyaa keessatti namootni miiliyoona lamaa ol dhibee Busaan qabamuu isaanii keessas yeruma eerame kana jidduutti nami 182 du'uu ibsee jira. Tsehaay Daamxoo dabalata qabdi.
Forum