Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahimad Gareelee Hidhattootaa Waliin Mariin Akka Geggeessamaa Jiru Dubbatan


Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahimad Gareelee Hidhattootaa Waliin Mariin Akka Geggeessamaa Jiru Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:07 0:00

Mootummaan Ityoophiyaa garee hidhaatootaa naanoo Amaaraa keesaa socho’aa jiruufi isa Faannoo jedhamee waamamuu wajjin marii nageenyaa icitiidhaan jalqabuu isaa muummichii ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimed ibsaniiru. Abiy Ahimeda kana kan ibsaan, labsii fooyya’insaa imaamataa diinagee haaraa mootummaan isaanii torban kana baasee ilaalchisee qaamoolee dhimmichii ilaallatu adda addaa wajjin kaleessa yemmuu marii taasisaniitti.

Gareen Faannoo Ijaarsaa tokko ta’ee waan hinqabneef mariin jalqabamee akka barbaadametti adeemaa akka hin jire kan ibsan Abiy Ahimad gareen hidhatootaa kun gara ijaarsa tokkoomeetti dhufee marii nageenyaatiif akka of qopheesu waamichaa taasisaniiru. Naannoo Amaaraa keessatti kan ijaarame mana maree nageenyaatiif dubbii himaa kan ta’n obbo Iyaachewu Teshaalee, garee Faannoo wajjin mariin jalqabamuu isaa akka quba hin qabnee himanii mootummaan feederaalaa gaafii mootummaan naannoo Amaaraa dhiheesee fudhatee marii jalqabuun isaa gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Muumichii ministeraa Abiy Ahimad dhaaba isaan “Shane” jedhanii waaman isa “Waraana bilisumaa Oromoo” jedhamee beekamuu wajjin mariin kanaan duraa jalqabamee ture itti fufee jiraachuu isaa dubbatanii WBO giduus tokkumaan akka hin jireefi kunis waligaltee irratti rakkina akka uume ibsaniiru. Labsii fooyya’insa imaammata diinagdee mootummaan isaanii baase hordofuudhaan qaala’isaa jireenyaa umamu hirdhisuudhaaf hojjatoota mootummaatif dabaliin mindaa dhibeentaa 300 taasifamuu isaa fi dhimuma kafnaaf jechaa birii Biiliyooniin 90 ramadamuu isaa muummichii ministeraa beeksisuu isaanii Kenedii Abaatee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG