Poolisiin Afriikaa Kibbaa godaantota Ityoophiyaa 90 ta’an kanneen fedhii isaanii malee Johaannesberg keessatti ugguraman baraaruu isaa beeksiseera.
Poolisiin Dilbata darbe sakatta’iinsa sana kan geggeesse namni uukkaamsamee butamuun erga gabaasamee booda ennaa sakatta’iinsa sanaa godaantota hedduu arguun ibsame. Namoota uukkaamsanii butuu fi yakka seeraan ala nama deddeebsuun shakkamanii namoonni lama to’annaa jala oolaniiru. Kanneen uukkaamsamuun butaman illee baraaramuu isanii poolisiin Wixata kaleessaa beeksisee jira.
Goodaantonni uugguraman kun kutaa xiqqoo keessatti itti cufamuu isaa poolisiin beeksisee, erga bararamanii yaalii fayyaa argachuuf gara hospitaalaatti geeffamuu fishakkamtoonni lamaan mana murtiitti dhiyaachuu eerera.
Intarpoolii dabalatee aangawoonni, godaantonni lammiiwwan Itiyoophiyaa Afriikaa Kibbaa dhaqqabuuf jecha biyyootii Afriikaa gama kibbaa keessatti yakka seeraan ala nama deddeebisuuf saaxilamuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru. Godaantonni kun yeroo baayyee namoota seeraan ala nama deddeebisaniin butamanii haala balaafamaa keessa tursiifamu.
Bara 2020 Mozaambiik keessatti yoo xiqqaate namoonni 64 Itoophiyaa irraa konteenara fe'umsaa keessatti du'anii argaman. Bara 2022 keessa reeffi godaantota Itoophiyaa 30 awwaala jumlaa Maalaawii keessatti argamuun ni yaadatama. . Baruma sana keessa illee reeffi dhiirota Itoophiyaa 27 Zaambiyaa keessatti gatamee argame.
Forum