Ityoophiyaan imaammata haaromsa diinagdee haaraa labsitee sharafa maallaqa ishee gadi buusuuf erga murteessitee booda Baankiin Addunyaa fi dhaabbann Maallaqa adduunyaa Itiyoophiyaaf maallaqa guddaa liqii fi gargaarsaan kennaniiru. Itiyoophiyaan gatii sharafa maallaqa ishee hir’isuunifi liqii dhaabbilee maallaqaa sadarkaa addunyaa irraa argachuun ishee bu’aa fi miidhaa isaa maali?Befekadu Morodaa hogganaa Biiroo dhaabilee misoomaa mootummaa kan naannoo Oromiyaa turanfi yeroo ammaa Yunaayitid Isteetis kutaa Minisootaa jiraatan Dr. Qaasiim Abbanashaa dhimma hojii fi imaammata Baankii Addunyaa, akkasumas biyya malaammaltummaa fi walitti bu’insi itti hammaate keessatti fooyya’insa diinagdee fiduun hangam milkaa’uu danda’a? ka jedhu irratti dubbatan.
Forum