Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lagi Shabalee Guutee Lola’uu Isaatiin Naannoo Somaalee Keessatti Jiraattotarra Miidhaan Gahuun Gabaasame


Lagi Shabalee Guutee Lola’uu Isaatiin Naannoo Somaalee Keessatti Jiraattotarra Miidhaan Gahuun Gabaasame
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:37 0:00

Itti gaafatamaan biiroo dhimmoottan quunamtii bulchinsaa naannoo somaalii obbo Abdulqaadiir Rashiid akka sagalee Amerikaatti himaniitti, lolaan bishaanii roobaa cimaa irraa umamee kun aanaa Mustaahiil keessatti lafa dhibeentaa 70 , aanaa Qallaafoo keessatti immoo dhibeentaa 30 ta’u irratti danbali’uu isaatiin kan ka’e aanaa mustaahiil keessaa maatiiwwan kuma Sadii ta ’an rakkina keessaa seenanii jiru.

Roobaa baddaa Baalee keessatti cimee roobuun laginii Shabalee wagga waggaadhaan guutee miidhaan akkanaa kaa gahaa ture kan ibsan obbo Abluqaadiir, waggoottan sadan darban keessa gandaawwan naaannoo lagichaa jiranu kaasuudhaan bakka ol aanaa irraa erga qubachiisuun jalqabamee boodaa balaan lolaa bishanii hanqachaa dhufuu isaa ibsanii, magaala umurii wagga 70 qabduu Mustaahiiliin bakka isheen itti hundeeffamte irraa kaasuudhaan gaa bakka lafa ol ka’aa ykn tabba ta’etti akka haaraati akka ijaarame himaniiru.

Namoottan balaa lolaa bishaanii Kanaan midhamaniif mootummaan bulchiinsa naannoo Solmaalii gargaarsa taasisaa jiraachuun isaas ibsameeraa. Institiyuutii raaga qileensaa biyyaaleesatti itti gaafatamaa kutaa raagaa fi akeekkachiisa dursaa obbo Gedaamuu Geetinet ji’a Hagayyaa kana keessaa, ji’a darbee caalaa roobinni cimaan naannoo Somaalii fi olla isaa keessatti waan muudatuuf jiraattonni of eegannoo akka taasisuu qaban hubachiisuu isaanii Addis Chekol Dirredawaa irraa gabaasera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG