Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Yugaandaa Ajajaa Waraanaa Duraanii Ka Garee Riphee-lolaa LRA Irratti Murtii Dabarse


Manni murtii Ugaandaa ajaja waraanaa kan garee duraanii “Lord’s Resistance Army” jedhamuu Toomaas Kiwooyeeloo himannaa yakka waraanaa irratti dhiyaate 78 keessaa 44f balleessaa itti muree jira.
Manni murtii Ugaandaa ajaja waraanaa kan garee duraanii “Lord’s Resistance Army” jedhamuu Toomaas Kiwooyeeloo himannaa yakka waraanaa irratti dhiyaate 78 keessaa 44f balleessaa itti muree jira.

Kanneen garee kanaan miidhaan irra ga’e murtii kana simataniiru. Huccuu gurraacha kan uffatan Toomaas Kiwooyeeloo yakka ilaalcha bara 2019 jalqabameef murtiin kun ennaa beeksisamu dhiphinaan dhaabatanii ilaalaa turan. Murtii abbootii murtii afurii abbaan seeraa Mikaa’el Eluubuu himannaalee dhiyaatan 78nuu dubbisaniiru.

Magaalaa gama kaabaa Guluu keessatti yakka ilaalcha geggeessame kanneen miidhaan irra ga’e hordofanii jiran. Bara 1986-2005 mootummaa Yuweerii Moseveenii fincilaa kan ture gareen LRA kan hundeeffame Jooseef Kooniitiin ture. Kooniin amma iyyuu to’annaa jala hin oolle. Kan umuriin waggaa 50 Kiwooyeeloon bara 2009 Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo keessatti erga to’annaa jala oolanii qabee hidha akeessa jiru. Himannaaleen irratti dhiyaatan ajjeechaa dabalatee, nama ajjeesuuf jecha ukkaamsanii butuu, saamicha, haala suukaneessaan nama dararuu, humnaan gudeeddii fi yakka farra namoomaa ti.

Elubuun akka jedhanitti himannaa irratti dhiyaate 44f balleessaan itti murame. Isteellaa Engel Lanaam hundeessituu “ War Victims and Children Networking initiative” jedhamuu ti. Ennaa abbaan murtii yakka Kowooyeeloon itti himataman kan ijoollee umuriin hin geenye gaa’ila akka dhaaban dirqisiisuu, dirqisiisaanii saal quunnamtii raawwachuu dabalatee dubbisaan dhageessisan sirriitti dhageeffataniiru. Umurii isaanii waggaa 10tti LRA dhan kan butaman Isteellaan, waggoota sagaliif to’annaa jala turuu dubbatan. Ajajaa warqaana garee kanaa kan umuriin 38-tti heerumuuf dirqamuu fi umurii isaanii waggaa 13tti ilmoo godhatanii rakkoo ulfa waliin wal qabateef saaxilamuu ibsaniiru. Ofii amma waggaa 38 yoo ta’an murtiin sun jalqabbii gaarii dha jedhan. Kwooyeeloon guyyaa adabi itti muramu hin beeksisamin jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG