Liqeessitoonni boondii biyyoota alaa Itiyoophiyaa irraa doolaara biiliyoona 1 qaban maallaqa isaanii haadhoo irraa dhibbentaan 20 akka hir’atuuf yaada mootummaan dhiyyateef irratti muffii qabaachuu Roobii kaleessaa beeksiisan. Garichi haala gamaaggama diinaagdee Itiyoophiyaan hir’ina gatii akkanaa akka dhaqqabsiisuu ta’uu isaa hin argine jedhee , yaada karaa Imeelii kenneen Mootummaan Itiyoophiyaa Ibsa dhiyyeenya baasaa jiruunis Liqii deebisuuf amala amanummaa gaarii waliin kan wal hin simnedha jedheera. Gama Mootummaa Itiyoophiyaan dhimma kanarratti deebii akka kennu gaafatamee hin deebisne.
Itiyoophiyaan ji’a muddee darbeerraa kaasee biyya addunyaarraa idaa liqaa boondiinn irra jiru hin kaffaliin jirtu fi ergasii sireeffamni yeroo liqaa deebisuu akka dheeratuuf gafachuun addemsaa irra jirtudha. Karoora liqeessitoota boondiif dhiyyeessiteenis Kaappitaala liqessitoota boondii Irraa isheerra jiru gara Miiliyoona 800 tti gadi buusuun dhibbeentaa 20 hir’isun jalqaba ji’a kanaarratti liqeessiitoota kanneen ajaa ibsiisteetti.
Itiyoophiyaan bara 2021 tti caaseffama garee biyyoota 20 ykn G 20 jalatti kan ilaalamu yerooon liqaa itti deebistu irra deebiin akka ilaalamuuf kan gaafattee ture , adeemsarra osoo jiruus waraanni waggoota lamaaf ture biyyattii keessatti ka’uu hordofee lafarra harkifatee ture. Ji’a Adooleessaa darbe kana keessaas Faandii maallaqa Addunyaa irraa walii galtee maallaqaa doolaara biiliyoona 3.4 IMF irraa argatteetti.
Yaada amma liqeessitoota boondii irraa ka’eef IMF deebii hin kennine. Ji’a waxabajjii darbe IMF gabaasa baaseen Itiyoophiyaa irra liqaa alaa doolaara biiliyoona 28.9 tu irra jira. Ji’a Sdaasaa darbetti liqeessitoota boondii waliin walii galteerra ga’uu kan dhabde Itiyoophiyaan , liqaan boondii doolaara 1 irra jiru bara 2028 hanga 2033 akka kaffaltuuf yaada dhiyyeessitee turterratti walii hin galle.
Forum