Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtoo Nama Mucaa Waggaa Torbaa Gudeeduun Ajjeese Irratti Biiroon Haqaa Naannoo Amaaraa Ibsa Kenne


FAAYILII - Magaala Baahir Daar
FAAYILII - Magaala Baahir Daar

Bulchiinsaa naannoo Amarra magaalaa Baahir Daar keessatti wagga darbee Adolesaa 25 bara 2015 (akka lakkoofsa Ityophiyaatti) keessa, Mucaa wagga Torbaa Heeven Awoot jedhamtu irratti gochaa gudeedii fi Ajjeechaa raawwachuudhaan namma himatame irratti murtoo hidhaa wagga 25 fi ol iyyaannoo himatamaan gaafatee mormuudhaan namoonii karra adda addaatiin yemmuu sagalee dhageessasaa jiran kanatti biiroon haqaa naannoo Amaaraa ibsaa kennee jira.

Akka ibsii biiroo haqaa kun jedhutti, namma gochaa kana raawwatee fi Geetinet Baayeeh jedhamuu irratti himaanaan dhihaatee keeyyaat yakkaa lakkoofsa 539 ajjeechaa suukanneesaa ta’ee, akkasumas keeyyata yakkaa lakoofsa 620 (3) kana umnaa gudeedii akka ta’e beeksisee kunis du’aan ykn hidhaa umuurii guutuuin kan adabsiisuu ta’uu isaa ibseera haata malee manii murtii yakka ajjeechaa suukanneesaa irratti ragaan gahaan hin dhihaanne jechuudhaan, yakka gudeeddii irratti hundaa’udhaa akka murtoon adabbii keenamee ibsii biiroo haqqa kun eeree, dhimmichii karra himatamaatiin waan ol iyyannoon irratti gaffatameef mana murtii waliigalaa naanichaatti akka dhihaachuuf jiru beeksiseera.

Ogeesaa seeraa kan ta’an abuukaatoon obbo Birhaanuu Begaashaawu dhimma kana irratti ibsa sagalee Amerikaatiif kennaniin, murtoon adabbii keennammee gochaa raawwatamee wajjin kan walgituu akka hin taane himaniiru.

Dhimmaa kana irratti yaada kan kennaan ministirri dhimma dubartootaa fi hawaasaa docteer Ergeeggoo Tesfaayee, dhimiicha irratti murtoon kennamuu isaa himanii haalii ol iyaanno gaafachudhaaff itti adeemamaa jiru waan sirri hin taaneef waajjirri isaanii akka dhiheenyatti hordofaa jiru ibsaniiru.

ollaa haatii mucaa Heven kireefatanii jiraatan keessaa kan jiraatu nammii Geetinet Baayeeh jedhamuu , haatii mucaa hojiidhaaf mana bahuu isaanii eeggatee, ergaa mucaa wagga Torbaa umnaan gudeedee booda, akka isheen hin iyyine afaan ishee keesaatti biyyoodhaa fi cirrachaa naquudhaan ukaamsee akka ajjeesee galmeen Poolisii ibsuu isaa kenedii Abaatee Finfinne irra gabaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG