Mootummaan Somaaliyaa bakka daandiin balalii Itiyoopiyaa qubatu ilaalchisee hanga yaaddoon Abbaa biyyummaa Somaaliyaa cabsuu inni jedhu furmaata argatutti daandii balalii Itiyoopiyaa gara Somaaliyaa dhaqu akka dhaabu dhaadate.
Abbaan taayitaa aviyeeshinii Somaaliyaa ibsa baaseen akka jedhetti kana dura daandii balalii Itiyoopiyaa waliin Hagaya 14 dhimma kana ilaalchisee xalayaa walii barreessan tuquu dhaan ibsa kana baase. Qabiyyee xalayichaa garuu waan jedhe hin qabu. Taajjabdoonni, dhimmichi balalii gara Hargeessaa, Somaaliilaand dhaqu jedanii amanu.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhimma abbaa biyyummaa xalayaa keenya keessatti kaafne ilaaluu mannaa, maqaa bakkeewwan balalii Somaalee dhaqan haquun koodii buufata xiyyaaraa qofa eeguun hojii balalii isaa jijjiiruu isaa hubanneerra," jedha ibsichi.
Dhimmoonni kun hanga Hagayya 23, 2024tti yoo hin sirreeffamne, balalii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara Somaaliyaatti taasisamu hunda beeksisa dabalataa tokko malee akka dhaaban akeekkachiisaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf gara Somaalilaandiitti balali'aa kan ture yoo ta'u, jalqaba bara kanaa Itoophiyaan naannoo walii galtee wal hubannoo andaara galaanaatti fayyadamuu Somaalilaandii waliin waliigaltee mallatteessite.
Abbaan taayitaa aviyeeshinii Somaaliyaa daandii balalii Dubaay Fly Dubai-f illee akeekkachiisa wal fakkaatu kennee jira.
Daayrikterri Abbaa taayitaa aviyeeshinii Itiyoopiyaa Geetaachew Mengistee VOAf akka himanitti waa’ee dhimma kanaa dhaga’uu isaaniif Abbaa taayitaa aviyeeshinii Somaaliyaa irraa xalayaa sirnaa hin arganne jdhan.
Geetaachoon akka jedhanitti dhimma isaa mai’atanii sababa isaa qorachuu dhaan gara fuuladuraatti deebii kan kennan ta’uu beeksisee jira.
Forum