Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraampi Yaalii Ajjeechaa Irratti Taasifamee As Yeroo Duraatii Duula Filannoo Bakkeetti Harra Taasisan


Pirezidaantiin duraanii Doonaaldi Tiraampi, Noorzi Kaloraayinaa, Hagayya 21, 2024.
Pirezidaantiin duraanii Doonaaldi Tiraampi, Noorzi Kaloraayinaa, Hagayya 21, 2024.

Pirezidaantiin duraanii Doonaaldi Tiraampi kaadhimaamaan pireezidaantii paartii warra Rippaabulikaanii erga yaaliin ajeechaa ji’a darbe irratti aggaamameen booda yeroo jalqabaaf hiriira duula filannaa galmaan alatti taasiisan irratti adeemsa itti aantuu pireezidaantii Kaamalaa Haariis mormuu fi xiyyeeffannaa yaa’ii warra Dimookiraataarraa harkisuuf jecha Karooliyaanaa kaabaatti haasaa waa’ee nageenya biyyaaleessaa irratti taasiseera. Imalli isaa kunis xiyyeeffannaa argachuuf torbaan kana keessa guutummaa biyyattii kessa taasisuuf akka jirus beekameera.


Doonaaldi Tiraampi haasaa isaanii keessattis “ Addunyaan Abidda irra jirti. Kaaamalaa fi Bayideen gara waraana Addunyaa sadaffaatti deemaa jiru “ jechuun Waayit haawuus irratti qeeqa kan dhiyyeesse, Afgaanistaan keessaa ba’uu, waraana Yuukireenii fi Raashiyaa akkasumas kan Hamaasii fi Israa’eel akka sababaatti kaasaniiru.

Tiraampi haasaa isaanii kan dhageessisan Karooliyaanaa Kaabaatti Muuziyeemii Aviyeeshiinii fuulleettii fi waltajjii golgaa rasaasni keessa hin dabarreen qophaa’e keessatti yommuu ta’u yaalii ajjeechaa hanga xiqqoof gaafa Adooleessaa 13 Penseelveeniyaatti jalaa ba’aniif eegumsi nageenyaa cimaan waan taasifamaafii jiru kaayyeeffachuunidha.

Forum

XS
SM
MD
LG