Bidiruun godaantota feetee ture qarqara galaanaa Yaman irratti liqimfamuun namoota 13 du’anii kanneen biroon kurna lamaa ol ta'aan dhabamuu isaa Dhaabbanni godaantota kan Tokkummaa Mootummootaa (IOM) ibseera. Waraanni Yaman keessaatti gaggeeffamee gara waggoota kudhaniif dheeraa ta’us, biyyattiin godaantota Afrikaa Bahaa irraa hojiif biyyoota dureeyyii Galoo Galaanaa dhaqqabuuf yaalaniif daandii guddaa taatee jirti.
IOM ibsa Dilbata baaseen bidiruun kun godaantota Itoophiyaa 25 fi Kaapteenii bidiruu fi gargaaraan isaa lammii Yaman ta’an fe’attee akka turte handaara bulchiinsa Taayiz irraa garagalte jedhe. Reeffi dhiirotaa kudha tokkoo fi dubartoota lamaa qarqara galaanaa Bab el-Mandeb kan Galoo Galaana Aden fi Galaana Diimaa walitti hidhu irraa kan argame yoo ta’u kanneen biroo lammilee yaman lama dabalatee namoonnii 14 ammallee eessa buuteen isaanii dhabame. Godaantonni kunneen Jibuutii irraa kan ka’an ta’uu IOM beeksiseera.
Forum