Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Gamtaa Afriikaa Haaraan Nageenya Naannoof Sodaachisaa dha Jetti Itiyoopiyaan


Gurmuun Gamtaa Afriikaa Haaraan Nageenya Naannoof Sodaachisaa dha Jetti Itiyoopiyaan
Gurmuun Gamtaa Afriikaa Haaraan Nageenya Naannoof Sodaachisaa dha Jetti Itiyoopiyaan

Mootummaan Itiyoopiyaa jalqaba waggaa dhuftuu Somaaliyaa keessatti hojii jalqabuuf kan jiru gurmuun gamtaa Afriikaa naannoo sanaaf balaa dha jedhee jira. Manni maree nagaa fi nageenya Gamtaa Afriikaa fi golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa, Somaaliyaatti gurmuu deggersaa fi tasgabbeessuu (AUSSOM) jedhamu gurmuu ce’umsaa ka Gamtaa Afriikaa kan yeroo ammaa (ATMIS) fi yeroon isaa xumura waggaa kanaa dhumatu akka bakka bu’uuf raggaasisanii jiran.

Itiyoopiyaa, Keenyaa, Ugaandaa, Burundii fi Jabuutiin gurmuu ce’umsaa kan yeroo ammaaf loltoota kan gumaachan yoo ta’u, Somaaliyaan garuu biyyi inni kam gurmuu AUSSOM keessatti akka hirmaatu filachuu kan barbaaddu ibsitee, yoo Itiyoopiyaan kan falmisiisaa ta’e walii galtee wal hubannaa Somaaliilaand waliin Amajjii 1 mallatteessite yoo hin haqin keessaa kan hambistu ta’uu dhaadatte.

Masriin gurumuu haaraa keessatti ga’ee akka qabaattu illee Somaaliyaan ibsitee jirti. Torban lama dura, Somaaliyaan walii galtee ittisaa Masrii waliin kan mallatteessitu yoo ta’u, Ministeerri dhimmootii alaa Somaaliyaa Ahimed Mo’aaliim Fiqii, walii galteen kun tattaaffii farra shororkeessummaa cimsuuf akkaan nu gargaara, dandeettii humnootii waraana keenyaa akkasumas abbaa biyyummaa keenya eeguufis ni gumaacha jedhan.

Kibxata kaleessaa, xayyaarri waraanaa Masrii lama meeshaa waraanaa fe’achuu dhaan Moqaadishuu seenuu isaa maddeen lama kan Somaaliyaa keessaa miidiyaatti dubbachuuf eeyama hin qabnu jechuun maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan dubbataniiru.

Itiyoopiyaan qaamotii gurmuu haaraa qopheessuuf itti gaafatama qaban biyyoonni naannoo waa’ee biyyoota loltoota gumaachanii irratti yaaddoo sirnaawaa isaan qaban tilmaama keessa galchuu qabu jette.

Ibsa kenniteen, Itiyoopiyaan akka jettetti ce’umsaaf qophaa’amaa ennaa jiru kanatti, naannoon sun haala kana dura baratamee hin beekne keessa seenuu danda’a.

Ibsichi akka jedhutti “Itiyoopiyaan ibsawwan diinummaa fi wareegama raayaan ittisa biyyaa ishee taasise dadhabsiisuuf yaalii ta’u callistee akka bira dabartu eegamaa jira” jedha.

“Itiyoopiyaan ennaa qaamolee ka biroon naannoo sana sabatiinsa dhorkuuf tarkaanfii fudhatan callistee hin ilaaltu” jedha ibsichi.

Turkiin Somaaliyaa fi Itiyoopiyaan walii galtee wal hubannaa andaara galaanaa isaan Somaaliilaand waliin Itiyoopyaan mallatteessite irratti falmii ka’e tasgabbeessfu jaarsummaan jidduu seentus, mariin marsaa lammataa Adoolessaa fi Hagayya keessa geggeessame furmaata male xumurame.

Smaaliyaan fooya’iinsi argamuu dhabuu isaaf Itiyoopiyaa himatte.

Prezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheikh Mohaammud Somaaliyaa akka biyya hollaa walaba taate ta’uu isheef beekkamtii kennuu didde jedhanii sababaa mariin sun hin milkaa’iniifis kanaafi jedhan.

Mohaammud akka jedhanitti Somaaliyaan hamma Itiyoopiyaan Abbaa biyyummaa Somaaloiyaa mirkaneessitutti waa’ee ulaa galaanaa argachuu hin mari’annu jedhan. Itiyoopiyaan ibsa haaraa baasteen akka jettetti, mariin sun “fooyya’iinsa qabatamaa” argamsiiseera jechuu dhaan Somaaliyaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf kanneen kaayyeffatan qaamolii alaa waliin walii galte jechuun himatte.

Somaaliyaatti gurmuu deggersaa fi tasgabbeessuu (AUSSOM) loltoota, poolisii fi qaama siilii dabalatee humnoota naannoo 11900 kan qabu yoo ta’u, waggoota sadiif Somaaliyaa keessa kan sosso’u ta’uu angawoonni Somaaliyaa fi Gamtaa Afriikaa beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG