Walii galteen kun kan mallatteeffame erga Niijeer keessatti fonqolchi mootummaa raawwatee biyyoota lamaan gidduutti wal gaarreffannaa uumee turee waggaa tokkoon booda. Ibsi humni waraanaa Naayijeeriyaa Kamisa har’aa baase akka eeretti biyyoonni lamaan tasgabbii fi nageenya naannoo Sanaa irratti kutannoo qabanii fi tumsa waloo isaanii deebisanii cimsuuf Roobii kaleessaa magaalaa gudiittii Niijeer Niameey keessatti waliif mallatteessaniiru.
Walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii rakkoo keessa galee kan ture erga gareen Juuntaa hoogganaa biyyattii Mohaammad Baazuum fonqolchaan aangoo irraa kuffisee fi ji’a Adooleessaa bara 2023 keessammoo Gareen hawwaasa diinagdee biyyoota Afiriikaa dhihaa “ECOWAS” Niijeer irra qoqoobbii kaa’uu isaa hordofeeti. Humni waraanaa Niijeer naannoo Hara Chaadiitti Bokuuharamiin waraanaa kanture ergasii kaasee sochii isaa kan dhabe yommuu ta’u , walii galtee amma mallatteessan kanaanimmoo irra deebiin Bokuu Haramiin akka waraanu mirkaneesseera.
Forum