Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoottan Hidhatootaan Iggitaman Keessaa Sadeet Ammaayyuu Akka Gadi Hin Lakkisifamne Ibsame


Akka lakkoofsa Ityoophiyaatti hagyyaa 23 bara 2016 guyyaa kaleessaa magaala Finfinnee irraa ka’ee gara magaala Dabremaarqoositti imalaa kan ture Awutoobusii tokko irratti,magaalaa Gabraguraachaa fi Tuluu Milkii giduutti namoottan hidhatootaan iggitamanii turan 52 keessaa caalaan isaanii miliqanii, kaneen biraa immoo umnoottan nageenyaatiin baraaramanii, isaan keessaa namoottan Saddeeti immo ammaayyuu akka gadi hin lakkifamne bulchaan godina Shawaa kaabaa obboo Kefiyaaleewu Aderee Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Umnoottan nageenyaa namoottan heduu akka gadi lakkisiisan kan ibsan bulchaan godina Shawaa kaabaa, namoottan hidhatootaan qabamanii jiran gadi lakkisiisuudhaaf umnoottan nageenyaa mootummaa hordoffi taasisaa jiraachuu isaaniis ibsaniiru.

Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa ibsa dhiheenyaa kana baaseen naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti, midhaa namoottan bakka walwaraansii keessatti adeemu jiraatan irrtti qaqqabaa jiruu allatti, waggaa tokko darbe keessatti namoottan butanii fudhachuuniif gadi lakkisuuddaaf maallaqa gaafachuun akka dabalaa deemaa jiru ibsuun isaa ni beekama.

Namoottan kana kan iggitan hidhatootaa Waraana Bilisummaa Oromoo wareen isaan “Shanee” jedhanii waamaniin akka ta’e haanga’onii mootuumaa kan ibsan yemmuu ta’u, waraanaa bilisumaa Oroomoo irraa deebii argachuudhaaf Yaaliin sagaleen Amerikaa taasise akka hin milkoofnefi WBO himmaanaa kanaan duraa irratti dhihaachaa turee haaluu isaa Asteer Misgaanaawu gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG