Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Mootumoota Gmtoomanii Biyyottan Kudhaniif Gargaarsa Taasisee Jira


FAAYILII - Gamoo Mootummoota Gamtoomanii, Onk. 7, 2023.
FAAYILII - Gamoo Mootummoota Gamtoomanii, Onk. 7, 2023.

Ityoophiyaa dabalatee biyyoottan aduunyaa 10 gargaaruu dhaaf doolaara Miiliyoonii 100 ramaduu isaa dhaabbanni mootumoota gamtoomanii ibseera. Akka maddi oduu Rooyiters gabaaseetti maalaqinni biyyoottan gargaarsaa namoomaa gaha ta’e hin arganne Afrikaa, biyyoottan Amerikaa, Eshiyaa fi walakeessa bahaa keessa jiraanuuf kan olu akka ta’e Jimaata har’aa ibsameera.

Gargaarsa kan keessaa harkii Sadii doolarri miiliyoonni 20n biyyaa Yemeniif kan ramadamee yemmuu ta’u, Ityoophiyaan doolaara miiliiyooni 15 akka argatuu ibsameera. Biyyootan biraa gargaarsa kana argatan keessaa, Maayimaar miiliyoonii 12, Maaliin miiliyoonii 11, Burkiina fasoo miiliyoonii 12, Hayitiin Miiliyoonii 9, Kaameruun miiliyoonii 7, Moozaambiik miiliyoonii 7 akkasumas biyyoottan jijjirama qileensaatiin miidhaman keessaa Burundiin miiliyoonii 5, Malaawiin miiliyoonii 4 akka argatan gabaasameera.

Gargaarsii kun namoottan beelaan midhaman,sababa walitti bu’insaatiin qe,ee isaanii irraa buqa’an,kanneen balaa dhukuubaafi balaa jijjirama qileensaatiin miidhaman gargaaruuf kan oluu akka ta’e dubbii himaan dhaabbata mootummota gamtoomanii ibsaniiru. Biyoottan gargaarsa gahaa hin arganeefi maallaqa dabalataa argachuuf arjoomtotaaf gaafiin dhihaachaa jiraachuu isaa hangaatuu dhaabbata qindeesaa gargaarsa namoomaa kan mootummoota gamtoomanii ykn OCHA Jooyisee Msuuya himuu isaanii gabaasinii madda oduu Rooyiters dabalee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG