Biiftuu Shumeet Cuukkoo hojjettee karaa ‘online’ jechuun sab himaalee hawaasaa fi kaan fayyadamuun gurgurti. Biiftuun kana hojjechuu erga aansitee ji’a ja’a yoo tahu, Cuukkoo kanas harmee ishee waliin ta’uun manatti qopheessitee, dukkaana ishee Finfinnee Labuutti argamutti geessuun warra fedhaniif akka raabsitu dubbatti. Cuukkoottis dabalata, Biiftuun huccuu aadaa adda addaa maqaa ‘Oftaanaa Dizaayin’ jedhuun wal faana hojjetti.
Yeroo gara hojii Cuukkoo hojjetanii karaa ‘online’ maammiltootaaf gurguruu ibsitus, ‘duraan xiqqoo ta’ee akka itti aadaa kiyya guddisu waanan yaadaa tureef kana jalqabe’ jetti. Dabalatas Cuukkoon nyaata aadaa Oromoo keessaa kan kabaja qabu ta’uu eertee, nyaata kana karaa ‘online’ gurguruufis warra manatti qopheeffachuuf hin dandeenye qaqqabuuf, keessas aadaa kiyya beeksisaa galii ofiikoo irraa argachuuf jechuun dubbatti.
Biiftuun amma ‘Oftaanaa Cuukkoo’ erga jalqabdee ji’a ja’a ta’uu dubbatte, maammiltoonni isheetis biyya keessaa fi biyya alaa irraayis jiraachuu himti.
"Cuukkoon midhaan garbuurraa kan hojjetamu dha, Garbuun daakamee, sana booda dhadhaa mi’eessituu gargaraan baqe waliin walitti sukkuumama, hojiin isaa dadhabbii baayyee qaba," jechuunis dabalataan dubbatti. Mana keessattis Cuukkoo nyaachaa akka guddatte, hojii Cuukkoo kana qopheessuus harmeen ishee akkaf tumsan dubbatti.
Biiftuun hojiin cuukkoo kana hojjechuu fi darbees maammila barbaadanii gurguruu ulfaataa ta’uu dubbattee, Cuukkoon nyaata aadaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba jette kana ‘super market’ magaalaa Finfinnee keessa jiran keessatti dhiyeessuuf akka qophiirra jirtu himte. Cuukkoottis dabalata uffata aadaa qopheessitee gurguraa jirtus baballisuu akka yaaddu, nyaatawwan aadaa Oromoo kaan kan akka cuukkoo salphaan qophaa’anii garuu gurgurtaaf oolan jette qopheessuu fi guguruuf akka karoora qabdus himteerti.
Magaalaa Sabbataatti dhalattee kan Finfinnetti guddatte, Biiftuun barnoota Akkaawuntiingiin digirii duraa qabdi.
Forum