Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaadder Maayik Hammar Itiyoopiyaa Daawwachuuf Jiru


Gaanfa Afriikaatti Jila Addaa Maayik Hammar
Gaanfa Afriikaatti Jila Addaa Maayik Hammar

Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Kan Yunaayitid Isteetis Ambaasaadder Maayik Hammar Fulbaana 3 qabee hanga 13 bara 2024tti gara Beeljiyem, Keeniyaa fi Itiyoopiyaatti Imala jalqabanii jiru.

Biraasels keessatti,jilli addaa Hammar gamtaa Awrooppaa fi gita isaanii waliin dhimmootii fooyya’iinsa dhiyeenya gaanfa Afriikaa keessatti mul’ate irratti mari’achuuf jiru. Naayiroobii keessattis dhimootii naannoo fi nageenyaa irratti angawoota Keeniyaa waliin mari’achuuf jiru.

Jilli addaa Hammar Finfinnee keessatti, gamtaa Afriikaa fi angawoota IGAD waliin mari’achuuf kan karoorsan yoo ta’u hojii lubbuu oolchuu fi nageenyaa Sudaan irratti tattaaffii gareen Swizerlaand hojjetuu fi fooya’insa jiru illee hordofuuf jiru. Walii galtee lola dhaabinsaa Pritooriyaa kan Itiyoopiyaa illee xiinxaluuf akka jiran ibsamee jira.

Yunaayitid Isteetis mootummaa Itiyoopiyaa fi bulchiinsa Yeroo kan Tigraay deggeruu dhaan nageenyi waarinsa qabu akka buufatu gochuuf cicha qabdu itti fufti. Kanneen keessaas hidhannoo hiikkachiisuu dhaan hidhattoota durii deebisanii jireenya isaanii ijaaruu, lammiiwwan qe’ee ofii irraa buqqa’anis mala sirna qabuu fi karaa nagaan qe’eetti akka deebi’an taasisu, ce’umsa haqaa mirkaneessuu, itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf cichaan ni hojjetti. Dhuma irrattis jilli addaa Hammar hookkara naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessaa dhaabsisuun mala danda’amu irratti angawoota Itiyoopiyaa waliin mari’achuuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG