Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Warreen Huttii Haleelan Galaana Diimaa Irratti Danqame


Dooniin Alaabaa Girikii Of Irraa Qabduu fi Haleellaan Irratti Raawwate Galaana Diimaa Irratti Danqamte
Dooniin Alaabaa Girikii Of Irraa Qabduu fi Haleellaan Irratti Raawwate Galaana Diimaa Irratti Danqamte

Gurmuun galaanaa Gamtaa Awurooppaa Kibxata kaleessaa ibsa baaseen, dooniin boba’aa galaana diimaa irratti haleelamte baraaruuf tattaaffii taasisaa ture itti fufuuf nageenyaaf amansiisaa waan hin ta’iniif dhaabuu isaa beeksisee jira.

Murteen kun taankiin sun Galaana Diimaa keessatti akka danqamu gochu dhaan boba'aan barmeela miliyoona 1 galaana irratti dhangala’a soda jedhu uumee jira.

Warreen Huutiin jalqaba irratti Hagayya 21 doonii alaabaa Girikii of irraa qabu irratti meeshaa waraanaa xixiqqaa dhaan haleellaa irratti bananii turan.

Torban darbe warri Huutii doonittii irra dhuka’aa kiyyeessuu dhaan ennaa ibidda itti qabsiisan viidiyoo maxansaniin kan ibsan yoo ta’u, kunis finxaaleyyiin utuu duula isaanii hin eegalin dura kan raawwatanii dha.

Taateen kun duula ripxe loltoonni Hutii kanneen Iraaniin deggeraman, meeshaalee doolaara triliyoona tokkotti tilmaamamu kan karaa galaana diimaa akka hin darbine danqan isa hamaa keessaa tokko ta’a jedhamee sodaatama.

Gargaarsa gara biyyootii wal waraansaan bututan Sudaanii fi Yemenitti ergamu illee danqee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG