Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuuniin Kaatolika Roomaa Firaansis Indoonesiyaa Daawwachuu Itti Fufan


Abuuniin Kaatolika Roomaa POP Firaansis
Abuuniin Kaatolika Roomaa POP Firaansis

Phaaphaasiin Kaatolika Roomaa Firaansis Indooneezhiyaan waadaa adda addummaa keessatti tokkummaan akka jiraatuuf seente akka eeddu akkasumas amantiin wal dadhabuu jirutti akka duultu gaafataniiru. Firaansis Indoonesiyaa keessatti guyyaa guutuu prezidaantii aangoo gad dhiisaa jiran Jookoo Widoodoo fi angawoota Indooneshiyaa kanneen biroo waliin masaraa mootummaa keessatti mari’ataa oolan.

Waaree booda Pop Firaansis, Moloksootaa fi abbootii amantii Indooneezhiyaa waliin Kaatediraala qulqulluu kan Jaakaartaa keessatti wal arguun haasawaa taasisaniiru.

Xumura imala isaanitti, Fulbaana 13 maaylii 20,000 balal’uu dhaan Indoonesiyaa Paapuwaa Giinii, Timoor Bahaa fi Singaapoor daawwachuuf jiru.

Firaansis Indoonesiyaa keessa aadaan amantiin wal danda’uu jiraachuu ibsuu fedhanis, musliimonni yaada madaalawaa naannoo keesa jiraatanitti garuu wal danda’uun dhabamaa adeemee jira.

Bara 2021 keessa haati manaa fi abbaan manaa leellistoota Islaamummaa ta’an kaateediraalii kaatolikii kan odola Indooneshiyaa Sulaaweesii keessatti ennaa wal ga’ii hafuuraa dilbataa boombii ofitti dhoosuu dhaan yoo xiqqaate namoota 20 nmadeessanii jiru.

Amnestii Internaashinaal, daawwannaan Firaansis, gare sab-xiqqaalee irratti kan oofamu wal danda’uu dhabuu fi loogiin akka dhaabatu akkasumas heera biyyattii irra ta’ee kan jiru walabummaa amantii ni jajjabeessa jedhee kan abdatu ta’uu beeksise.

Amnestiin ibsa Amajjii bara 2021 hanga Adoolessa bara 2024tti baaseen, yoo xiqqaate dhimmootii wal danda’uu dhabamuun wal qabate manneen sagadaa cufamuu, manca’uu fi haleellaan nama irra ga’uu 123 galmeessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG