Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Raashiyaan Duula Odeeffannoo Sobaa Taasiftu Keessaa Akka Baatuuf Waamicha Dhiyyeessite


FAAYILII - Suuraa aappii miidiyaalee hawaasummaa agarsiisu, Hagayya 11, 2012, Niiw Oriliyaans.
FAAYILII - Suuraa aappii miidiyaalee hawaasummaa agarsiisu, Hagayya 11, 2012, Niiw Oriliyaans.

Yuunaayitid Isteetisi Roobii kaleessaa dhaabbilee fi hojjettoota isaanii Moskoo waliin hidhata qaban kanneen odeeffannoo sobaa dabarsuun uummata Ameerikaa fi filannoo pireezidaantummaa taasifamuuf jiru balaaf saaxilu jette himannaa yakkaa, qoqqobbii fi tarkaanfiiwwan biroo irratti fudhachuu beeksiifteetti. Ministirri haqaa, hajaa alaa fi mallaqaa Yuunaayitid Isteetisi ibsa kennaniin Raashiyaan seera Yuunaayitid Isteetisii fi kan idil addunyaa cabsuun namoota toora Pireezidaantii Raashiyaa Puutiin keessa jiraniin kan hooganameen tattaaffiiwwan bal’aan taasifamaniiru jedheera.

Ibsa isaa kana keessatti Raashiyaan kanneen odeeffannoowwan Yuunaayitid Isteetisi keessaa butuun gara Raashiyaatti dabarsaniif karaa dhaabbata Sheelii kan Teenisii keessatti argamun maallaqa Doolaara miiliyoona Kudhan kaffalteettis jedheera. Hoogganaa ol anaan Ministira haqaa Meerik Garlaand yaa’ii koreen sodaawwan filannoo irratti ibsa kennan Karoorri isaanii ifaa kan ta’e mootummaan Raashiyaa hooggantoota isaa sadarkaa ol aanaa kan of keessatti qabateen adeemsa dimookiraasii keenya keessa seenuuf yaalaniiru jedhan.

Dhaabbanni maqaan isaa ibsa kana keesstti hin dhahamne ji’a sadaasaa bara 2023 irraa eegalee miidiyaalee hawwaasaa kanneen akka Tiktook, X fi Yuu tuubii irratti viidiyoowwan 2000 ta’an maxxansee Yuu tuubii irratti qofaa namoota miiliyoona 16 daawwatameera. Miidiyaan RT inni Raashiyaan hoogganamu bara 2022 irraa kaasee Yunaayitid Isteetisi keessatti akka hin hojjenne dhorkamee kan jiru qorannoo FBI taasiseenimmoo RT’n namoota Yuunaayitid Isteetisi keessa jiran waliin Kontiraata seenuun prooppogaandaa Raashiyaaf kan hojjetan akka qabu irra ga’eera jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG