Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-Waraansa Sudaan Keessaatti Gareewwan Hirmaatan Lamaan Miidhaa Yakka Waraanaa Ta’uu Malu Raawwatan: Ergamaan Tokkummaa Mootummootaa


Namoota Obdurmaan keessatti qeheedhaf buqahaniif tola ooltonni nyaata oggaa kennan, Bitootessa, 8, 2024.
Namoota Obdurmaan keessatti qeheedhaf buqahaniif tola ooltonni nyaata oggaa kennan, Bitootessa, 8, 2024.

Wal waraansa sivilootaa kan Sudaan keessatti gareewwan hirmaatan lamaan miidhaa yakka waraanaa ta’uu danda’u raawwachuu isaanii kan ibsee ergamaan imala Tokkummaa Mootummootaa humnoonni addunyaa naga-eegsiisoota erguu akka qabanii fi uggura meeshaa waraanaa jiru bal’isuu akka qaban Jimaata har’a ibseera.

Waraanni Sudaan fi Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF) lamaan isaanii iyyuu namoota nagaa gudeeduu fi haleelu, dararaa fayyadamuu fi seeraan ala hidhaa akka raawwatan gabaasni kun gaaffii fi deebii namoota lubbuun hafan, firootaa fi namoota ragaa ba’an 182 irratti hundaa’ee hundaa’ee akka ta’e ibseera.

Dura taa’aan ergama dhugaa barbaaduu kan Tokkummaa Mootummootaa Mohamed Chande Othman, gaazexeessitootaaf akka ibsaniitti, “akka argannoo keenyaatti, qaamoleen wal waraanaa jiran namoota nagaa eeguu dhabuun isaanii, gidduu seenuu hatattamaa fi battalumatti hojii irra oluutu hubachiisa,” jedhan.

Gamoonni lachuu himannaa kanaan dura Yunaaytid Isteetisii fi gareewwan mirga af falman irraa dhiyaate fudhatama dhabsisuun miidhaa raawwayameef walii isaanii himatan. Lamaanuu Jimaata darbe gaaffii akka yaada kennaniif dhiyaateef battalumatti deebii hin kennine.Kana malees gabaasa kanaaf ibsa baasuun deebii hin laanne.

Otmaan fi miseensonni ergamaa kanaa biroo lamaan humni walaba ta’e osoo hin tursiisin akka bobba’u gaafataniiru."Namoonni ija keenya duratti du'an ituu arginuu homaa gochuu dhiisuu itti fufuu hin dandeenyu," jedhan miseensi ergama kanaa Moonaa Rishmaawii. Kunis humni nagaa eegsisuu ajaja Tokkummaa Mootummooyaa jala kan jiru ta’uu danda’a jechuun dabalanii ibsan.

Ergamni kun uggura meeshaa waraanaa Kan Tokkummaa Mootummootaa inni amma jiru fi yeroo ammaa naannoo Daarfuur dhihaa bakka ajjeechaan sabaa kumaatamaan lakkaa’aman itti gabaafame qofa ilaallatu akka babal’atu gaafateera. Waraanni bara darbe ji'a Eblaa keessa Kaartuum keessatti eegale kun naannolee biyyattii 18 keessaa gara 14tti babal'ateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG