Waggaa barnootaa bara 2016tti qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12ffaa fudhatan barattoota kuma dhibba 6 kuma 74 keessaa barnoota sadarkaa ol aanaa seenuuf qabxii kan fidan dhibba irraa harka 5.4 barattoota kuma 36,409 tqofa ta’uu ministrichi barnootaa Birhaanuu Neggaa beekisisaniiru. Ba’iin kun kan waggaa darbe irra wayyaawaa ta’uu kan ibsan ministrichi, waggaa kana barattoota qormaataaf kan dhiyeessan manneen barnootaa kuma 1 fi 363 keessa barataan tokko iyyuu hin darbine jechuu dhaan Wixata har’aa Qaammee 4 ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Hanna qormaataa ittisuuf jecha bara 2014 qabee bara kana yeroo sadaffaaf keellaa Yuniversitiiwwanii keessatti kan kenname qormaati biyyoolessaa kun, barattoonni dhibba irraa hasrki 92 waraqaa irratti, dhibba irraa harki 8 immoo marsariitii irratti akka fudhatan ta’uu isaa Ministrichi beeksisaniiru. Yaaliin barattootaa waan dabaleef, qabxiin bara kanaa kan waggoota lamaan darbanii waliin ennaa ilaalamu wayyaawaa dha jedhan ministrichi. Qabxii bara kanaatiin illee adda addummaa ba’ii qormaataa naannolee gidduu jiru hubanneerra.
Forum