Xurree ittiin seenan

Breaking News

Debretsiyoon Gabremikaa’el: Obbo Geetaachoo Raddaa Paartii Isaaniin Ergamanii Hoogganoota Ertiraa Quunnamuu Quban Qaba


Debretsiyoon Gabremikaa’el: Obbo Geetaachoo Raddaa Paartii Isaaniin Ergamanii Hoogganoota Ertiraa Quunnamuu Quban Qaba
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:59 0:00

Dura taa’aan ABUT, Dr. Debretsiyoon Gerbrmikaa’eel, prezidaantin bulchiinsa yeroo obbo Geetaachoo Reddaa paartii isaaniitiin ergamanii ji’a ja’a dura hoogganoota Eertraa waliin marii geggeessuu isaanii ibsaniiru. Mariin sun geggeessamuu isaa muummichi ministeeraa Abiy Ahimed quba qabu kan jedhan Dr. Debretsiyoon, mariiwwan itti dabalaa geggeessamuu isaa dubbataniiru.

Dhimma kana irratti mootummaa federaalaa fi hoogganoota bulchiinsa yeroo biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne. Gama biraatiin itti aanaa prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigraayii fi hoogganaan humnootii naga eegumsa naannichaa Jeneraal Taaddesee Werredee, bulchiinsi yeroo kan naannoo aanaalee fi godinaalee irratti kan geggeessu aangootti fiduu fi aangoo irraa kaasuu akka dhaabu gaafataniiru. Haluma wal fakkaatuun gumii kan geggeesse ABUT, bulchiinsa yeroo keessaa qooda kaabinee irra deebi’uun sirreessuuf sochii akka hin taasisne illee gaafataniiru jedha Gabaasi Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa erge. Tujubee tu dhiheessa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG