Biyoottan kutaa Ezhiyaa Paasifik jedhaman keessatti daawwannaa taasisaa kan jiran Hogganaan waldaa Kaatooliik addunyaa Poop Fraansiis biyyaa Tiimoor bahaa keessatti sirna kanadhannaa taasifame irratti hirmaataniiru. Poop Fraansiis daawwnnaa guyoottan 12f ergaa Vaatikaanii bahanii as biyyaa Indooneejiyaa fi Paapawaa Niwe Giinii daawatanii erga biyyaa Tiimoor Bahaa gahan booda Qibxata har’aa sirna kadhannaa namoottan kuma 600 ta’an irratti hirmaatan hogganuu isaanii waldaan kaatoliikii Adduunyaa Vaatikaan irraa beeksiseera.
Akka madaawwan Vaatikaan dabalanii ibsanitti Poop Firaansiis ittu sirna kadhanna irratti hin argamin dura, mana baruumsaa kan ijoollewwan qaamnii isaanii miidhamee magala gudicha biyyatti Diilii keessatti argamu daawwataniiru. Poop Firaansii yemmuu biyyaa Tiimoor Bahaa keessatti sirna kadhanaa geggeesan hogganaa waldaa Kaatoliikii adduunyaa isaa lammafaadsha.
Poop Yonaaniis Lammafaan bara 1989 yemmuu biyyii Tiimoor Bahaa bittaa Indooneezhiyaa jalaa walaba bahuudhaaf yaalaa jirtu daawwanaa taasisanii akka turan Vaatikaan beeksiseera. Poop Fraansiis Tiimoor Bahaa boodaa biyyaa Siigaapoor akka daawachuuf deeman sagantaa daawwannaa bahee irraa barameera.
Forum