Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliilaand Waliigalteen Wal-Hubannoo Itiyoophiyaa Waliin Tolfatte  Xumuramuu Beeksiste


Somaaliilaand Waliigalteen Wal-Hubannoo Itiyoophiyaa Waliin Tolfatte  Xumuramuu Beeksiste
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00

Angawoonni Somaaliilaand, walii galtee wal hubannoo ulaa galaanaa Itiyoopiyaa waliin irra ga’ame xumuramuu isaa fi walii galteen sirnaa yeroo dhiyoo ta’uuf kan jiru ta’uu diplomaatota biyyootii alaa Hargeessaatti argamanitti beekisuu isaanii ibsan.

Kun kan dhaga’ame, ministriin dhimmi alaa Somaalii land fuula miidiyaa hawaasaa ofii X Irratti ergaa barreeffamaa maxxanseen ture. Barreeffamni sun walii galteen wal hubannaa sun guyyaa itti hojii irra oolu ilaalchisee ibsa bal’aa hin kennine. Karoorri jalqabaa ji’a tokko keessatti ta’a kan jedhu ture. Akka angawoonni Somaaliilaand jedhanitti, akka walii galtee wal hubannaa sanaatti Itiyoopiyaan biyya jalqabaa Somaalii laandiin biyya walabaa ta’uu isheef beekkannaa kenniteef taati, akka waliigaltee kanatti Itoophiyaan waggoota 50f galaana kiiloo meetira 20 akka buufata galaanaatti akka itti fayyadamu kiraa dhaan kennamaaf.

Somaaliilaandiin akka qaama biyya isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan, walii galteen muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed fi prezidaantii Somaliilaand Musee Bihii Abdii gidduutti Amajjii 1 bara 2024 irra ga’ame abbaa biyyummaa koo cabsa jechuun balaaleffatte. Gama biraatiin ministriin dhimmi alaa Somaaliilaand Issaa Kayaad, mootummaan Somaaliilaand humnoonni Masrii biyya hollaa Somaaliyaatti bobba’uun yaaddoo hamaa uumuu isaa diplomaatota sadarkaa addunyaaf beeksisuu isaanii tuqaniiu.

Somaaiyaan humnoonni Masrii kan gurmuu naga eegumsa haaraa kan Somaaliyaa keessatti Masriin akka qooda fudhattu barbaaddi. Kayaad itti dabluu dhaan Somaaliilaand Laayibrarii aadaa kan Masrii Hargeessaa keessa jiru yaaddoo nageenyaa hamaaf jecha dhaabbataa dhaan cufuu ishee beeksisan.

Isaan akka jedhanitti, Erga of eeggannoo dhaan dhaan ilaalamee booda akkasumas yaaddoo nageenyaa hamaa fi itti fufiinsa qabu erga mootummaan adda baasee booda, Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsi sadarkaa addunyaa, mana kitaabaa aadaa kan Masrii dhaabbataa dhaan cufuuf murteessee jira.”

Somaalilaand hojjettoonni mana kitaabaa Sanaa gamas gadhiisanii akka ba’aniif sa'aatii 72 kennitee jirti. Hojjettoonni Laaybirarii Sanaa martinuu keellaa sana keessaa ba’anii sa’aatii 72 keessatti biyyattii akka gad dhiisan illee dubbatariiry. Immigireeshinii fi ajensiin tika nagaa biyyoolessaa Somaalii land adeemsa cufuu keellaa Sanaa fi hojjettoonni nagaa dhaan biyya ofiitti deebi’uu ni mirkaneessa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG