Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinkenii fi Giti Isaanii Kan Birteen Yukireeniin Daawwatan


MInistiin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi ministriin dhimmi alaa Biriteen Deevid Laamiin Yukireen daawwatan, Ful. 11, 2024.
MInistiin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi ministriin dhimmi alaa Biriteen Deevid Laamiin Yukireen daawwatan, Ful. 11, 2024.

MInistiin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi ministriin dhimmi alaa Biriteen Deevid Laamii, ennaa Yukireen misaayila lafa fagoo furguggifamu Raashiyaa irratti akka fayyadamtu akka hayyaman warren gama dhiyaa irratti dhiibbaa gochaa jirtutti waloo dhaan Kiiyiiviin daawwachuuf gamastti argamu.

Angawoonni gameyyiin kun har’a magaalaa galma mootummaa Yukireen baabura koru dhaan kan dhaqqaban, erga falmiin prezidaantummaa Yunaayigtid Isteetis kan itti aantuu prezidaantii Kaamilaa Hariis fi prezidaantiin duraanii Tiramap lola Yukireen keessaa kan waggaa 2 fi walakkaa ilaalchisee wal falmanii sa’aatii hanga tokko booda. Bilinken, Iraan Raashiyaa dhaaf misaayla baalistikaa lafa gabaabaa kan FATH-360 jedhamu dhiyeessuu ishee itti balaaleffachuu dhaan tarkaanfiin kun waraana sana akkaan hammeessa jechuun bakka qeeqan London irraa gamasitti imalan.

Ji’ootaaf Yukireen meeshaa waraanaa fageenya dheeraa Ameerikaa fi michoota ishee biyyoota dhihaa irraa fayyadamuun manniilee Raashiyaa keessa jiru rukutuuf hayyama gaafachaa kan turte yoo ta’u, Raashiyaan meeshaa waraanaa yeroo dhiyootti argachuu ishee gabaafame ilaalcha keessa galchuu dhaan caalaatti dhiibbaa ni gooti jedhamee eegama.

Muummichi ministeeraa Yukireen Deenis Shimihaal Laamitti akka himanitti, Meeshaaleen fageenya dheeraa haleellaa dachee diina keenyaa irratti raawwatan nu dhaqqabu jennee abdanna, dhimma kana irratti gargaarsaa fi deeggarsa keessan barbaanna jedhan. Shimihiil Kibxata kaleessaa tuuta oduuf ibsa kennan irratti, manniiwwan waraanaa diinota keenyaan qophaa’e barbadeessuuf akkasumas meeshaa waraanaa diinaan Yukireeniin haleeluuf qophaa’e barbadeessuuf yoo eeyama arganne, kun uummataa fi ijoollee keenyaaf daran nageenya ni fida jedhan. Kana fiixaan baasuu irratti ni hojjennaa, guyyaa guyyaa dhaanis dhiibbaa ni goona jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG