Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Isiraa'el Lama Balaa Helikoopteraa Gaazaa Keessatti Dhaqqabeen Du'uun Gabaasame 


Loltoota Israa'el Tubaas keessatti bobbaafaman, Weest Baank, Fulb. 11, 2024.
Loltoota Israa'el Tubaas keessatti bobbaafaman, Weest Baank, Fulb. 11, 2024.

Helikooptera dugdee Gaazaa gama kibbaa keessatti kufee caccabeen loltoonni Israa’el lama du’uuf kanneen biroon torba madaa’uu waraanni Israa’el Rooii har’a beeksisee jira Qorannaan duraanii akka mul’isutti balaan sun dhukaasa diina irraa dhukaafameen dhaqqabe. Helikopterittiin kan kufte ennaa loltuu naannoo Raafaa keessatti balaan madaa’uu irra ga’e baraaruuf duulli geggeessametti tgure.

West Baank keessaa, haleellaan Israa’el samii irraan Rooii har’aa geggeessite gamgaalaa Tubaas keessatti yoo xiqaate namoota shan galaafachuu isaa angawoonni yeroo hatattamaa Faalisxiin beeksisaniiru. Waraanni Israa’el naannoo dhuma wal fakkaatu keessatti garee shororkeessaa hidhate ittiin jedhe irratti haleellaa qiyyaafate geggeessuu isaa gabaaseera.

Kutaa West Baank ka biroo keessatti, humnoonni Israa’el namoota shan kanneen balaa yeroo hatgattamaaf deebii kennan kan garee isaa to’annaa jaa oolchuu hawaasi baatii diimaa Faalisxiin beeksisee jira. Gareen kun akka jedhetti hidhaan kun kan raawwate ennaa hojjettoonni isaa dhukkubsattoota deddeebisaa turanii fi bakka hidhaan kun keessatti geggeessame mooraa Tulkaarm keessaa ijoollee hedduu baasaa turanitti. Haleellaan Israa’el Roobii har’aa geggeessite ka biroon Libaanon gama kibbaa keessaa keellaa hidhattoonni Hezbollaah rookkeettii furguffisuuf itti gargaaramanii fi bakkawwan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG