Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Oloompikii Itiyoophiyaa Biyyaalessaa Seeraa-ala Namoota Deddeebisuudhaan Himatame


FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa Itoophiyaa, Finfinnee, Bara 2019.
FAAYILII - Mana Murtii Federaalaa Itoophiyaa, Finfinnee, Bara 2019.

Atileetonni Itiyoophiyaa bebbeekamoon lamaa fi federeeshinoonni lama Koreen Olloompikii Itiyoophiyaa Biyyaalessaa yeroo Oloompikii Paarisitti namoota seeraa ala deddeebisuutti hirmaatanii jiru, jechuudhaan himannaa irratti dhiheessanii jrian. Koree Olompikii Itiyoopiyaa fi prezidaantii waaltaa kanaa Doktor Ashabbir Weldegiyoorgis dabalatee namoonni itti gaafatama sadarkaa adda addaa irra jiran himannaan kan irratti dhiyaate ta’uu abukaatoolee kanneen himannaa dhiyeessanii keessaa tokko kan ta’anii fi gorsaan seeraa Paawuloos Tesemmaa VOAf himaniiru.

Himannaa sana kan dhiyeessan Atleet Haayilee Gebresillaasee, Atleet Gezzaaheny Abarraa fi federeeshinii booksii Itiyoopiyaa fi federeeshinii teenisii Itiyoopiyaa ta’uu kan ibsan abukaatoon kun, himannaalee sana keessaa tokko Olompikii Paariis waliin kan wal qabate hojii seeraan ala nama deddeebisuu raawwatan kan jedhu akka ta’e ibsaniiru. Koreen Olompikii sun erga Olompikii Tookiyoo jalqabee mootummaa Itiyoopiyaa irraa qarshiin miliyoonni 200 kan ramadameef ta’uu isaaf keessumaa koree olompikii addunyaa fi waaltaalee ka biroo biraa maallaqa guddaa kan argate ta’uu ragaa argachuu isaanii kan ibsan abukaatoo Paawuloos Tesemmaa, maallaqi kun hanga ammaatti odiitii kan hin taane ta’uun immoo himannaa bifa ka biroon dhiyaate ta’uu ibsaniru.

Koreen sun ministeera aadaa fi Sportii akkasumas waajjira ol aanaa kan Odieriitiin haalli fayyadama maallaqaa odiitii akka ta’u irra deddeebiin gaaffii dhiyaateef kan hin simanne ta’uu isaa tuqanii, manni murtichaa hojiin Odiitii akka geggeessamu ajaja akka kennu akkasumas hanqina argameef hoogganni koree Olompikii akka itti gaafatamu himannaan gaafatu dhiyaateera jedhan.

Ministeerri aadaa fi Spoortiis, koreen Olompikii itti gaafatama isaa akka ta’utti hin baane himannaan jedhu irratti dhiyaachuu isaas dubbataniiru. Koree Olompikii fi hoogganoota shanan irratti himannaan dhiyaate, mana murtii federaalaa ka sadarkaa duraa dhaddacha Lidataatti yoo ta’u, ministeerri aadaa fi Spoortii immoo mana murtii ol aanaatti himatamuu ibsanii jiran.

Adeemsi himannaa sanaa manneen murtii idileetti ilaalamuu hanga jalqabamutti, herregaawwan baankii maqaa koree Olomopikii Itiyoopiyaan banaman akka hin sochoone akkasumas baatilee Eeblaa fi Waxabajjii keessa murtiiwwan gumii walii galaan darbanis akka ugguraman murtaa’uu isaas ibsaniiru. Gaaffii fi deebii Sagalee Ameerikaaf kennaniin, Dr. Ashabbir Waldegiyoorgis himannaa kana yeroon dhagahu, “nan rifadhe” jechuudhaan, himannichi “kan hundee hin qabnee fi kijiba” jedhanii jiran.

“Koreen Oloompikii Itiyoophiyaa “waan hojjetu hunda iftoominnaan hojjeta” kan jedhan, Dr. Ashabbir, “hiannaalee irratti dhihaatan of irraa ittisuuf qophii dha,” jedhuun deebisan. Waa’ee seeraa ala namoota deddeebisuu waan quba qaban gaafatamanii ennaa deebisanis, “atileetonni gara Oloompikiitti imalan beekamtiin sirnaa kennameefii kanneen deemani.

Gochaan seeraa-alaa raaw’atame homtuu hin jiru,” jedhan. Himannaan kun dhihaateyyuu, manneen murtii Itiyoophiyaa waggaa waggaatti Adoolessa 8 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 11tti cufaa dha. Yeroo manni-murtii bqonnaa irra jiru kanatti namoonni abbootiin murtii sa’atii dabalataa hojjechuuf fedhii qaban dhimmoonni hatattamaa ennaa dhufu ni ilaalan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG