Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaadder Maayik Hamer Hooggana Bulchiisa Yeroo Kan Tigraay Waliin Raawwatiinsa Waliialtee Pritooriyaarratti Mari’atan


Ambaasaadder Maayik Hamer Hooggana Bulchiisa Yeroo Kan Tigraay Waliin Raawwatiinsa Waliialtee Pritooriyaarratti Mari’atan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:00 0:00

Prezidaantiin bulchiisa yeroo kan Tigraay Geetaachoo Reddaa fuula miidiyaa hawaasaa ofii X irratti barreeffama maxxansaniin gaanfa Afriikaatti jila addaa kan Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer waliin guyya har’aa raawwatiinsa walii galtee Pritooriyaa ilaalchisee mari’achuu isaanii ibsaniiru. Dhimmootii walii galtee sana keessa jiran kanneen hojii irra hin oollee fi dursanii raawwachuu qaban irratti mari’achuu isaanii kan ibsan Obbo Geetaachoon, bulchiisi yeroo kan Tigraay hojii isaa haala saffisaa ta’een raawwachuuf sochii inni taasisu gargaaruuf Yunaayitid Isteetis cicha qabaachuu ishee ambaasaadderichi ibsuufii isaanii beeksisaniiru.

Obbo Geetaachoon walii galteen Pritooriyaa sun guutummaan hojii irra akka oolu gochuuf buqqaatonni kuma dhibbaan laka’amanii fi baqattoonni dhalattoota Tigiraay kanneen Sudaan keessa jiran dararaan isaanii akka dhumatu US fi michoonni ishee dhiibbaa akka godhan gaafachuu isaanii illee barreeffama isaanii kana irratti tuqaniiru. Walii galtee sana guutummaan hojii irra oolchuu dhabuun danqaa nagaa naannoo gaanfa Afriikaa akka hin taane kan isaan yaaddessu ta’uu obbo Geetaachoon ibsaniiru.

Haaluma kanaan ambaasaadder Maayik Hamar, itti aanaa prezidaantii naannichaa Leetinaant Jeneraal Tsaadqaan G/Tinsaay waliin waggaa haaraa Itiyoopiyaatti waliin mari’achuu isaanii embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru fuula Feesbookii isaa irratti barreesseera. Embasichi ibsa isaa kanaan, marii isaanii sanaan walii galteen Pritooriyaa guutummaa fi hatattamaan hojii irra oolchuun naannoo sanaaf nagaa waaraa kan fidu ta’uu walii galuu isaanii ibsee jira. walii galteen Pritooriyaa lola jiru mariin hiikuun akka danda’amu akkasumas dhukaasa dhaabuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Lammiiwwan Itiyoopiyaa martinuu nagaan jiraachuu qabu jedha embasichi.

Odu ka biroon immoo daayirikterri ol aanaa jaarmayaa fayyaa addunyaa Teewodiroos Adahaanoom waggaa haaraa Itiyoopiyaa kan bara 2017 ilaalchisee kaleessa galgala TV Dimts Weyyaanee irratti ergaa dabarsaniin, hooggana ABUT gidduutti adda addummaan uumame uummata ofii dursuu dhaan nagaan akka furamu gaafataniiru.

Doktor Teewdroos akka jedhanitti Waggaa haaraan uummati keenya buqqa’e gara qe’ee isaatti kan itti deebi’u, kan nagaa, fayyaa fi waggaa misoomaa akka ta’un hawwa. Tigraay keenya keessatti dhimmootii yaaddessaan uumamee akka ture beekamaa dha. Haa ta’uutii, adda addummaan siyaasaa jiraatus nagaa jeequu hin qabu. Walii galtee fi marii dhaan adda addummaan hin hiikamne hin jiru. Fedhii uummata keenyaa yoo wiirtuu godhanne, furmaata siyaasaa fiduun ni danda’ama. Qaamotiin martinuu adda addummaa isaanii nagaan akka furan akkasumas fedhii uummata Tigraay akka dursan nan gaafadha. Uummati Tigraay nagaa fi mosooma kan isaaf malu. Irran deebi’a Uummati Tigraay nagaa fi mosooma kan isaaf malu.

Lola Kaaba Itiyoopiyaatiin dubartoonni kurna kumaan laka’aman miidhaan qaamaa isaan irra ga’ee jira kan jedhan Dr. Teewdiroos, dubartoota kana deggeruun qooda hunda keenyaa ta’uu qaba jedhan. namoota kana kanneen gargaaran biyya keessaa fi biyya alaa namoota jiraatan daayirikterichi jaarmayaa Fayyaa Addunyaa galateeffataniiru. Doolaara kuma $50 badhaasaan argatan illee dubartoota lola sana keessatti miidhaan irra ga’e hojii akka ittiin jalqabaniif ayyaana Ashandaa fi waggaa haaraa sababeeffac huu dhaan kennaa gochuu kennuuf murteessuu isaanii illee ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun waaltaaleen siivilii 7 kanneen Tigraay keessatti argaman hooggana ABUT gidduutti adda addummaa uumame karaa nagaa fi mariin furuuf sochii jalqaban cimsanii akka itti fufan illee ibsaniiru. Hanga ammaatti sochiin jalqabame ba’ii galmeessisuu baatus, cimsanii akka itti fufan waaltaalee hawaasa siivilii dabalatee waaltaaleen 7 ibsa baasaniin beeksisaniiru jechuun Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG