Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummotaa Keessaatti Afrikaaf Barcumni Lama Akka Kennamu Kan Deggertu Tahuu Beeksise


FAAYILII - Walgahii Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummotaa, Adoolessa 2, 2024.
FAAYILII - Walgahii Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummotaa, Adoolessa 2, 2024.

Yunaayitid Isteetis gola naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa keessaa biyyoota Afriikaaf teessoo dhabbataan lama akkasumas biyyoota odola xixiqqoofis teessoo tokko dabaree wal jijjiiruun akka kennamu ka deggertu ta’uu Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Liindaa Toomaas Griinfiild Kamisa har’aa beeksisuuf jiru.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo Yunaayitid Isteetis bakka namoonni hedduun deggersa Washington lola Gaazaa keessaatti hin gammadin, hariiroo Afrikaa waliin qabdu fooyyessaa jirtutti akkasumas ennaa dhiibbaa Chaayinaan naannoo sana keessatti qabdu irra dhiibbaa kaa’uuf barbaachisaa ta’e hariiroo biyyoota dola Paasifik waliin jiru cimsaa jirtutti.

Toomaas Greenfiild Rooyitersiif akka himanitti, labsiin kun ajandaan kun,jijjiirama gola naga eegumsaa gara fuula duraatti mala itti milkeessuu dandeenyuu fi bu’aan hojii prezidaantii Yunaayitid Isteetis kan Itti ibsamuu dha jedhan. Barcumni dhaabbataan lama Afriikaaf akka kennamu akkasumas odolaawwan xixiqqoof dabaree barcuma kennuuf dhiibbaan ta’u, kan Waashingten Hindii, Jaappaan fi Jarmaniin gola naga eegumsaa keessaa barcuma dhaabbataa akka qabaatan yeroo dheeraaf deggersa agarsiisaa turte dabalata.

Biyyoonni guddataa jiran gola naga eegumsaa keessaa barcuma dhaabbataa qabaachuuf yeroo dheeraaf gaafataa turan. Garuu waggootaaf geggeessamaa kan ture haawaawwan jijjjiiramaa bu’aa hin argamsiisne. Ta’us Yunaayitid Isteetis tarkaanfii kana akka saffisu gochuu isheef waanti ifaa ta’e hin jiru. Toomaas Griinfiild Kamisa har’aa Niw Yoorkitti kan argamu mana maree hariiroo alaaf labsii kana utuu hin dhageesisin dura, Rooyitersiif akka ibsanitti, Washingon sagaleen yayyabaaf biyyoota aangoo qabaniin ala, aangoon sagalee yayyabaa akka babal’atu hin deggeru jedhan.

Golli naga eegumsaa nagaa fi tasgabbii sadarkaa addunyaa eegsisuuf itti gaafatama kan qabu yoo ta’u, qoqqobbii fi uggura meeshaa waraanaa kaa’uu akkasumas humnaan fayyadamuu hayyamuuf aangoo qaba.

Forum

XS
SM
MD
LG