Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Koree Keessatti Qonnaan Bultoonni Afur Hidhattootaan Ajjeefamuu Ibsamee Jira


Godinaa Koree Keessatti Qonnaan Bultoonni Afur Hidhattootaan Ajjeefamuu Ibsamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00

Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa godiina Koree aanaa Gorkaa ganda Shaaroo keessatti qonnaan bultoota Afur iggitanii maallaqa gaafatan eega fudhatanii booda hidhattonni shanee ittiin jedhan akka isaan ajjeesan maatiin miidhamtootaa fi jiraattonni naannoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru,

Kaleessa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 2 bara 2017 qonnaa isaanii keessatti loon dheechisaa ituu jiranii warra ajjeefaman kanaan ala namnii tokko rasaasaan madaa’ee gara Hospiitaala Arbaa Miinc wal’ansaaf ergamuu ibsanii, hidhattonni maqaan dhaahamee qarshii 200,000 fudhachuu isaanii dubbatanii jiru.

Godiina Koreef itti gaafatamaa qajeelcha nagaa fi nageenyaa Obbo Tafarraa Boondoraa haleellaa kana kan gaggeesse kan naannoo sanatti hidhatee socho’uu kan mootummaan Feedeeraala Shanee jedhee waamuu kan ofiin immoo Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu humna farra nagaa ti jedhan.

Haleellaa gaggeeffameen qonnaan bultoonni 4 ajjeefamuu fi tokko rasaasaan madaa’us Obbo Tafarraan mirkaneessanii jiru. Oromiyaa godiina Gujii Dhiyaa aanaa Galaanaaf itti gaafatamaa waajiira nageenyaa fi bulchiinsaa kan ta’an Obbo Iyyaasuu Ji’oo gama isaaniin aanaa Galaanaa keessa kan riphanii jiran haleellaa geesisuu isaanii ibsanii raayyaan ittisaa dabalatee kan naannoo sana jiru humnii wal taatootaa hordooffii gochaa akka jiru ibsan.

Himannaa dhiyaate kana irratti deebii gam Waraana Bilisummaa Oromoo argachuuf yaaliin taasiifne hin milkoofne.Garu ammaan dura himannaalee wal fakkaatoo naannoo sana irraa dhiyaataniif deebiin kennamee tureen WBOn, uummata irratti xiyyeefatee haleellaa hin gaggeessu jechuun haaluun ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG