Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Gaazaa Waaltaa Keessatti Bakka Daahannaa Uummataa Haaleeltee Namoota Ajjeeste 18 Keessaa Hidhattoota Hamaasi, Jette


Haleellaa israa'eel booda namoonni yeroo bakkicha laalan, Gaazaa Istriipi, Fulb. 11, 2024
Haleellaa israa'eel booda namoonni yeroo bakkicha laalan, Gaazaa Istriipi, Fulb. 11, 2024

Gaazaa waaltaa keessatti mana barumsaa Tokkummaa Mootummootaa kan amma bakka daahannatti jijjiirame irratti Israa’el haleellaa gaggeessiteen namoota 18 ajjeefaman keessaa hojjettoonni gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummootaa ja’a miseensota Hamas akka ta’an ibsuun falmiite. Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bilinken akka jedhanti dhimma iddoowwan gargaarsa namoomaa eeguu irratti, dhimmi kana kaasanii akka Israa’el waliin dubbachuuf akka jiran ibsanii garee shororkeessummaa jechuun Amerikaan moggaafame kun iddoowwan siiviilii ykn namoota nagaa “dhokatee” jechuun qeeqaniiru.

Lammiin Falasxiin maqaa isaa hin ibsine kun caccabaa keessa sakatta'e. “Boorsaa reeffa namaa haleellaa mana barumsichaa irratti raawwatameen guutamedha. Amma guyyoota 340 ta'eera si'ool keessa jirra” jedhe. Tokkummaan mootummootaa akka jedhutti, namoota ajjeefaman keessaa jaha dhaabbata isaa kan Baqattoota Falasxiinf hojjatan, akkasumas isaan keessaa tokko hogganaa mooraa daahannaa Sanaa ta’e hojjata.

Namoonni gara 12,000 ta'an mana barumsichaa keessatti daahannaa godhachaa jiru. Israa’el haleellaa gaggeessite kana kan ta’u qabu jechuun falmitee, hojjettoonni gargaarsaa kun dhugaa dubbachuuf miseensota Hamaas ta’uu ibsiteetti.

Kamisa darbe Poolaandi irraa kan dubbatan Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bilinken ammas dhukaasa dhaabuu akk ata’u gaafachuun gama lachuu qeeqan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG