Xurree ittiin seenan

Breaking News

Misooma Magaalaaf Jecha Gandeen Isaanii Diigamuu Mala, Jedhanii Akka Yaaddoo Qaban Jiraattonni Finfinnee Hagi Tokko VOAtti Himan


Naannoo gabaa Markaatoo, bara 2015, Finfinnee
Naannoo gabaa Markaatoo, bara 2015, Finfinnee

Jiraattonni gandeen magaalaa Finfinnee hedduu, bulchiinsi magaalattii bareedinaa magaalaa marsaa lammaffaa pirojektii misooma magaalaa jedhuuf bakka kennuuf jecha akka ganda isaanii diiguuf yaadameetti ilaaluu yaaddoo qaban ibsaniiru.

Jiraattonni yaada gandi isaanii diigamuuf jedhu dhiyeessan tokko tokko akka jedhanitti, bulchiinsichi guyyoota 20 keessatti akka bakka biraatti geeffamaniif beeksisa nuun ga’eera jedhan. Jiraattonni VOA waliin dubbatan oduun kun jireenya isaanii waan jeequuf guutumaan guututti akka tasaa itti da’uu ibsan.

Dubbi himaan bulchiisa kutaa magaalaa Yakkaa Taaddelee Beqqelee gama isaaniin himannaa karoora gandeen diiguu jedhu sana haaluu dhaan amma illee sadarkaa marii irra jira jedhan. Qaama dhimmi ilaalu waliin haala kana ilaalchisee marii irra jiraachuu tuqaniiru. Adeemsa karoora kanaa keessatti hawaasa kan hirmaachisu ta’uu VOAf ibsanii jiru. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Hagayya 31 bara 2024, projektiin misooma magaalaa marsaa lammataa akka jalqabu beeksisanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG