Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaamilaa Harisii fi Doonaald Tiraamp Iraan Balaaleffatan


Suuraa lamaan Fulbaana 10, 2024 wal birra godhame; Itti Aantuu Pirezdaantii Yunaaytid isteets Kaamila Haaris fi Pirezdaantii Duraanii Doonal Traamp
Suuraa lamaan Fulbaana 10, 2024 wal birra godhame; Itti Aantuu Pirezdaantii Yunaaytid isteets Kaamila Haaris fi Pirezdaantii Duraanii Doonal Traamp

Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Kaamilaa Harisii fi Mormituun Isaanii Doonaald Tiraamp Balaa Iraan Isiraa’el Irratti Fiduu Malti, Jedhan Balaaleffatan

Iraan amalli yaaddissaan isheen Yunaayitid Isteetisi fi michuu ishee Israa’el irratti agarsiiste morkattoonni prezidaantummaa kan Yunaayitid Isteetis Kaamilaa Harisii fi Doonaald Tiramp ennaa duula filannoo dhimmootii imaammata alaa isaan irratti fuuleffatan keessaa ti.

Kaadhimamtuun pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa fi itti aantuu pirezidaantii Kamilaa Haaris waa’ee Iraan yaada gabaabaa ta’e yaada tokko irratti fuuleffatan kunis waa’ee ittisaa.

Kana beekaa, humnootii keenyaa fi dantaa keenyaa shororkeessota Iraaniin deggeraman irraa ittisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu irraa boodatti hin jedhu jedhan Kamilaa Harris.

Haasawaa falmii mormituu isaanii prezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp waliin geggeessan irratti deggersa Israa’eliif qaban ennaa dubbatan, Iraan karaa bakka buutota ishee balaa isheen Israa’el irraan ga’uu maltu akka of irraa ittistuuf yeroo mara Israa’eliin nan deggera jedhan Harris.

Bulchiinsi Baayiden fi Haariis Israa’el haleellaa qilleensa irraa Iraaniin baatii Eblaa keessa raawwatame kan kanaan dura argamee hin beekne ittiin jechuu dhaan Israa’el irraa akka of irraa qolattu gargaaree jira.

Tiraamp ennaa prezidaantii turan, amala Iraan hamaa ta’e irra uggura kaa’uu isaanii cimsanii hubachiisuaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG