Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallagga Bahaa, Aanaa Kiramuutti Haleellaa Hidhattootaan Geggeessameen Aangawoonni Bulchiinsa Ganda Siree Dooroo Lama Ajjeesaman


Wallagga Bahaa, Aanaa Kiramuutti Haleellaa Hidhattootaan Geggeessameen Aangawoonni Bulchiinsa Ganda Siree Dooroo Lama Ajjeesaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00

Sanbata darbe Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa hidhattootaan geggeessameen angawootni bulchiinsa gandaa lama ajjeefamuu, jiraattonni fi aangawaan aanichaa dubbatan. Haleellaa aanaa Kiiramuu,ganda Siree Doorootti Sanbata darbe mudate jedhameen gaggeessaan gandichaa akkasumas qondaalli ijaarsa siyaasaa yoo ajjeefaman, bulchaa ganda Marga Jireenyaa ammoo dhukaasa doqdoqqee gubbaatti irratti banameen madaa’aniyyuu lubbuun hafuu isaanii VOA’f Obbo Margaa Alamuu himanii jiran. Angawaan aanaa Kiiramuu ajjeechaa kanaaf humnoota faannoo, jechuun himatu. Sagaleen Ameerikaa himannaa kana qaama sadaffaa irraa hin mirkaneeffanne. Hidhattoota Faannoo irraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne. Galmoo Daawit kana irratti gabaasaa qindeesse qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG