Roobii har’aa naannoo Somaalee Itiyyoopiyaatti kan argamu masjiida magaalaa Waardheer keessatti namoonni ja’a ajjeefamaniiru. Angawoonni naannoo gabaasaalee miidiyaa hawaasaa namoonni ajjeefaman kun sababaa jibbiinsa gosaan irratti fuuleffatame jechuun kan gabaasan fudhatama dhabsiisan. Kanneen miidhaan irra ga’e kun jibbinsa gosaan kanneen irratti fuuleffatame barattoota amantaa ta’uun himameera.
Angawoonni naannoo Somaalee fi jiraattonni akka jedhanitti kanneen ajjeefaman kun barattoota amantii kanneen masjiida sana keessatti Roobii har’aa barumsa irra turan. Hoogganaan naga eegumsa naannoo Somaalee Dayib Ahimed haala raawwatame VOA sagantaa afaan Somaaleef mirkaneessaniiru.
Dayib akka jedhanitti kun ta’uu isaatti gaddinee jirra. Ergaa keenya gaddaas erginee jirra. Namoonni ja’a du’uu mirkaneessineerra. Kanneen ajjeechaa kana raawwatan ajandaa addaa qabu jennee amanna. Waardheeritti kan argaman jaarsolii biyyaa fi hayyootatti beeksisnee jirra jedhan. Kanneen irratti fuuleffatame kun siivilota balleessaa hin qabaanne, kanneen falmii gosaa keessaa harka hin qabaanne jedhan. Dayib akka jedhanitti humnoonni naga eegumsa mootummaa kanneen haleellaa kana raawwatan to’annaa jala ni oolchu jedhanii kan abdatan ta’uu dubbatan.
Taateen kun kan dhiyeenya uumame lola gosaa waliin hidhata qaba yoo ta’e kan gaafataman Dayib, hoogganoota hedduu faana dha’aa jiraachuu isaanii dubbatan. Mootummaan gosoota kanaa gidduu jaarsummaan jidduu seenuu isaaf jibbiinsa gosaa waliin wal qabachuu isaa kan shakkan ta’uu dubbatan. Garee ka biroo kan isaan haala kana irraa fayyadamuu fedhu jedhanitti illee quba qaban.
Dayib itti fufuu dhaan fakkeenyaaf namoota hidhata al-Shabaab qaban ta’uu malu. Shororkeessonni hawaasicha keessatti dhiibbaa qabaachuu isaanii fi kaayyoon isaaniis falmiin jiru akka itti fufu gochuuf akka ta’e shakkii qabna. Mootummaa balaaleffachuu kannen barbaadanii fi fedhee siyaasaa kanneen qaban qaamota ka biroo illee ta’uu danda’u jedhaniiru.
Sivilota ajjeesuun gocha garee shororkeessaa ti jedhan. Ajjeechaan kun illee jiraattota Waardheer kan rifaasise ture. Dayib, hayyoonni magaalattii keessaa gochi kun haala isaa akka hin hammeessine akka irratti hojjetan gaafataniiru. Humnoonni naga eegumsaa illee kanneen ajjeechaa kana raawwatan to’annaa jala ni oolchu jechuun dhaadatan. Dayib akka jedhanitti naannoon somaalee yeroo kanatti naannolee Itiyoopiyaa keessaa naannoo akkaan naga qabeessaa tokko.
Forum