Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gondor Keessatti Har’a Ganama Dhukaasi Dhaga’amaa Ture, Jedhame


FAAYILII - Qarqara magaala Goondoor, Naannoo Amaaraa, Fulb. 30, 2016.
FAAYILII - Qarqara magaala Goondoor, Naannoo Amaaraa, Fulb. 30, 2016.

Lolli Hidhattoota Faannoo fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Eega Geggeessamee Guyyaa Tokko Booda Gondor Keessatti Roobii Har’aa Ganama Dhukaasi Dhaga’amaa Ture, Jedhame

Humnoota mootummaa Federaalaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lolli hamaan erga geggeessamee guyyaa tokko booda naannoo magaalaa guddoo naannoo Amaaraa keessatti Roobii har’aa ganama dhukaasi itti fufee jira. Kibxata kaleessaa walitti bu’iinsa magaalattii keessatti uumameen namoonni lama yoo ajjeefaan sadii immoo madaa’uu hoogganaan waldaa Ortodoksii naannoo sanaa VOAf himaniiru.

Waldaa Ortodoks Tewaadhidoo Itiyoopiyaa kutaa lallabaa giddu galeessa godina Gondoriif itti gaafatamaa kan ta’an Abbaa Yooseef VOAtti akka himanitti, kan dugdee magaalattiitti argamu keellaa waldaa Kiristaana Amaanu’el keessatti dhukaasa raawwatameen namni tokko yoo du’u lama immoo mada’aniiru jedhan.

Walakkeessa magaalattiitti kan argamu waldaa kirstaanaa Qiddist Maaraam keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun nama lammataa yoo darbu tokko madaa’eera jedhan. Ssaabaa lola saaa manneen jireenyaa irra miidhaan ga’uu jiraattonni ibsaniiru. Ganama kana dhukaasi dhaga’amaa kan ture ta’us, sa’a booda garuu tasgabbaa’uu isaa jiraattonni kun dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG