Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Dho’insa  Libaanon Keessatti Raawwatee Yoo Xiqqaate Namoonni 12 Ajjeeseef Gareen Hizbollaa Isiraa’eliin Himate


Bakka gamoon ibiddaan gubachaa jirutti namoonni oggaa walitti qabaman, Fulb.18, 2024.
Bakka gamoon ibiddaan gubachaa jirutti namoonni oggaa walitti qabaman, Fulb.18, 2024.

Hezbollaa fi mootummaan Libaanon Isra’el Peejerii miseensonni Hezbollaa itti gargaaraman irratti dho’iinsa dhaqqabsiiste jechuun himatan. Dho’iinsa Kibxata kaleessaan yoo xiqqaate namoonni 12 yoo du’an, kanneen 2,800 ta’an madaa’aiiru. Roobii har’aa Hezbollaan hidhattoota Hamaas kanneen Gaazaa keessaaf deggersa qabu ibsuu dhaan Israa’elitti duuluu akka itti fufu dubbatee adabi hamaan akka ishee eeggatu akeekkachiiseera.

Daangaa Israa’elii fi Libaanon irratti walitti bu’iinsa uumameen mootummaan Israa’el lola hidhattoota Hamaas kanneen Gaazaa keessaa waliin geggeessuun nageenya Israa’el gama kaabaa eegsisuuf karoora qabu labsee sa’aatilee hanga tokko booda balaa uumame kana ilaalchisuun yaada hin kennine.

Shakkiin jiru peejeriiwwan sun Hezbollaa utuu hin dhaqabin dura dhuka’aa xiqqoon keessa kaa’ame kan jedhu irratti kan fuuleffate. Gareen kun erga hoogganaan kanaa, basaasi Israa’el quunnamtii mobaayila harkaa isaanii maqsuu danda’a yaaddoo jedhuun akka hin fayyadamne ajajee booda peejeriiwwan kana gargaaramuu itti fufee jira.

Kampaniin Taayiwaan keessa maadheffate kan Gold Appolo jedhamuuf hundeessaa kan ta’an Hsuu Ching-Kuaang tuuta oduuf Roobii har’aa ibsa kennaniin kampaniin isaanii Peejeriwwan kana hin oomishne jechuu dhaan, kampaniin BAC jedhamu garuu meeshaa ofii gurguruuf akka fayyadamu eeyamuu ibsan.

Sabaa himaan Iraan akka gabaasetti kanneen balaan madaa’uu dho’iinsa peejerii kanaan irra ga’e keessaa Libaanonitti ambaasaaddera ishee Mojtaabaa Amaanii tokko ta’uu beeksiste. Hoogganaan imaammata dhimmootii alaa gamtaa Awrooppaa Jooseef Borel haalli isaa akkaan yaaddessaa ta’uuu tuqanii, ministeera haajaa alaa Libaanon Abdallaa Bou Habiib waliin mari’achuu isaanii ibsan. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Maatiwuu Miiler Kibxata tuuta oduuf ibsa kennaniin Yunaayitid Isteetis waa’ee balaa kanaa quba hin qabdu amma iyyuu odeeffannoo walitti qabaa jirti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG