Bilinken Lola Dhaabiinsa Gaazaa Bakkaan Ga’uu Ilaalchisuun Mari’achuuf Masriitti Argamu.Tokkummaa Mootummootaatti jilli Faalisxiin immoo wixinee weerara Isra’el dhiyaate irratti mariin akka geggeessamu gaafatan
Ji’a tokkoo fi walakkaa darbe keessa walii galtee lola dhaabiinsa Gaazaa ilaalchisee fooyya’iinsi argameera, garuu walii galtee sana xumuruuf Israa’elii fi Hamaas lamaanuu fedhii siyaasaa agarsiisuu qabu jechuu dhaan ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken Roobii har’aa beeksisaniiru.
Walii galtee sana keessa keeyyattoota 18tu jira jedheen yaada. Kanneen keessaa 15 irratti walii galteen irra ga’ameera. Garuu dhimmootiin hafan furamuu qabu jechuu dhaan Biliinken Kaayiroo keessatti ibsa ministrii dhimma alaa Masrii Baadr Abdelaatii waliin ta’uun tuuta oduuf ibsa kennaniin beeksianiiru.
Abdelaatiin gama nama afaan hiikuu tuuta oduuf ibsa kennaniin, Caamsaa 27 walii galtee lola dhaabiinsaa irra ga’ameef fooya’iinsa Adoolessa 2 tolfameef cicha guutuu qabaachuu isaa Hamaas mirkaneesseera jedhan. Roobii har’aa, Bilinkenii fi abdelaatiin Gaazaa fi Sudaan keessatti barbaachisummaa ariifachiisaa kan lola dhaabinsaa Gaaaa fi Sudaan keessaa ilaalchisuun mari’ataniiru. Kaayiroo keessatti immoo, Bilinken prezidaantii Masrii Abdel Fattaa el-Sisiisii waliin marii geggeessaniiru.
Baatilee dhaaf angawoota Yunaayitid Isteetis, Masrii fi Qataar waliin mariin jaarsummaa geggeessaame Israa’elii fi Hamaasiif walii galtee mijatu argamsiisuu hin dandeenye. Mariin sun lolli akka dhaabatu akkasumas Gaazaa keessatti namoonnni hidhattoota Hamaasiin iggitamaii jiran akka gad dhiissaman ka jedhu irratti kan fuuleffate ture. Angawoonni wixineen fooyyeffame yeroo dhiyaata jedhanis, Yunaayitid Isteeti yeroon isaa yoom akka ta’e hin ibsine. Akka Ministeera dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti, Yunaayitid Isteetis Israa’elii fi Hamaasiin walii galtee xumuraatti geessuu mala kan jedhu qabiyyee wixinee ilaalchisee naannoo keessumaa Masrii fi Qataar waliin wal arguu itti fufti.
Kamisa borii Biliinken, ministeerota Ferensaay, Xalaiyaanii fi Biriteen waliin dhimmootii giddu galeessa bahaa fi Yukireen ilaalchisee mari’achuuf Kaayiroo irraa Paarisitti imaluuf jiran. Ennaa gamas turanittis, prezidaant Emaanu’el Makroon waliin wal arguuf jiru. Tokkummaa Mootummootaatti jilli Faalisxiin immoo wixinee weerara Isra’el dhiyaate irratti sagalee kennamuuf mariin akka geggeessamu gaafatan
Forum