Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababa Walitti Bu’iinsa Naannoo Amaaraa Keessaan Barattoonni Kuma Hedduun Akka Barnootatti Hin Deebi’in Jiran Gabaasame 


FAAYILII - Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa

Ityoophiyaa naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Bahaa keessatti barattoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman sababa lolli humnota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti itti fufee jiruun barnoota addaan kutuu isaanii angawoonni naannoo fi maatiin VOA'tti himan. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa godina Goojjaam Bahaa obbo Geetaahuun Fentee Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, barnoonni bara kanaa jalqabee guyyoota afur booda, barattoota 710, 000 galmaa’an keessaa 42,000 qofatu barnoota eegale.

Obbo Geetaahun, gareen hidhattoota Faanoo maatiin barattoota gara mana barumsaatti akka hin ergineef doorsisa jechuun himatan. Hoogganaa garee Faannoo Amaaraa kan Gondor keessaa ti kan ofiin jedhan Anteeneeh Dires VOAf akka himantti, Faannoon torban kana haleellaa siviilotaa kamiinuu keessatti hin hirmaanne jedhan.

Haleellaa hamaa Goojjam bahaa keessatti baatii Waxabajjii keessa raawwatameen namoonni torba du’aniiru, garuu jiraattonni walitti bu’iinsi humnootii mootummaa fi milishoota Faannoo gidduu itti fufuu isaa gabaasaniiru. Geetaahuun gareen hidhate kun manneen barnootaa godinicha keessa jiran 924 keessaa 264 dhimma waraanaaf itti fayyadamaa akka jiran dubbatan.

Barsiisaan naannoo nageenya isaaniif sodaatan tokko VOA'tti akka himanitti, barattoota dubaraa sababa manneen barnootaa yeroo dheeraaf cufameef jecha gara sagaagalummaatti ce'uuf saaxilaman jedhan. Maatiin barattootaa kan maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan VOAf akka himanitti, barnoonni adda cituun lakkoobsi ijoolleen urmuriiin isaanii utuu hin ga’in gaa’ila dhaabanii akka dabaltu jedhan. Gargaarsa namoomaa ilaalchisee Adoolessa 9 bara 2024, UNICEF dameen Itiyoopiyaa naannoo Amaaraa keessaa sababaa nageenyaa fi dhiibbaa walitti bu’iinsi Kaaba Itiyoopiyaa dhaqqabsiiseen manneen barnootaa 4,178 cufamuu isaanii gabaasee jira.

Tilmaamaan Goojjam bahaa fi dhiyaa akkasumas Gondor kibbaa keessaa manneen barnootaa dhibba irraa harki 89 yeroo ammaa cufamuun gabaasameera. Walumaa gala ijoolleen miliyoona 4.1 ol ta’an mana barnootaa dhaabanii kan jiran yoo ta’u, akka UNICEFtti waggaa barnootaa bara kanaa naannoo sana keessaa ijoollee dhibba irraa harka 35tu barnoota dhaabee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG