Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gojjaam Bahaa Keessatti Barsiisonni Lama Roobii Dabre Ajjeefamuun Barsiisotaa fi Hojjetoota Barnootaarratti Yaaddoo Uumee Jira


Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godiina Gojjaam Bahaa aanaa Sinaan keessatti Roobii darbe ajjeechaan barsiisota lama irratti raawwatame hojjettoota manneen barnootaa naannoo biratti sodaa fi yaaddoo uumeera jedhan barsiisonni iddoo sana jiran.

Godiina Gojjaam Bahaa Enebsesarmidr keessatti barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko barnoota jalqabuu ilaalchisee nu irratti xiyyeeffatamuu akka danda'u sodaa qaba jedhan.

Godiina Gojjaam kaabaa Aanaa Gonjii Kolelaa irraa barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa akka jedhanti, manneen barnootaa irra caalaan isaanii cufamanii erga waggaa tokkoo oliif turanii booda, banamuu ilaalchisee mootummaa naannichaa fi hidhattoota Faannoo naannoo sana jiran irraa ergaa wal faallessu dhaga’aa akka jiran dubbatan.

Zoonii Gojjaam magaalaa Jigaa keessatti barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa inni sadaffaan sagalee Amerikaaf akka himanitti, barsiisonni yeroo manneen barnootaa cufaman ammas ta’u mindaa isaanii ni argatu inni jedhu mirkanaa’aa miti.

Bulchaan olaanaa godiina Gojjaam Lixaa aanaa Jabi Tehnan, Yechale Yirga sagalee Amerikaaf akka himanitti barsiisonni naannoo sanaa yeroo manneen barnootaa waggaa lammaffaaf walitti aansuun cufamanitti mindaa isaanii argachuu itti fufuu yoo ta’e murteen kennamee hin jiru.
Bulchiinsi naannoo sanaa akka jedhetti barsiisonni ajjeefaman barumsa bara barnootaa ammaa torbee kana jalqabee eegaluuf hojjechaa akka turan ibseera.

Garee addatti maqaa utuu hin kaasne, ajjeechaa kana duuba gareewwan hidhatan kanneen “"maqaa ummata Amaaraatiin kakatan” jechuun himatan. Dubbi himaan Faanoo Simeneh Mulatu akka jedhutti gareen kun waldhabdee deemaa jiru ilaalchisee nageenya daa’immaniif wabii kennuu hin dandeenye.

''Maatiin isaanii gara kaampii baqachaa waan jiraniif barnoota jalqabuun hin danda'amu. Kun murtee ummanni murteessudha. Murtoon ummataa kana Faannoo Amaaraanis kan deeggarameedha.Hojii irras ni olcha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG