Fiilmiin dokumantarii “Ateetee Ayyaana Hawwootaa” jedhu kan Ateeteen qaama sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko ta’uu agarsiisu, kabajaa fi gahee dubartoonni ummata Oromoo biratti qaban mul’isa jedhamee tibbana Finfinneetti agarsiisameera. Qopheessaan fiilmii dookumantarii kanaa Injinar Yoobsan Kadiir Waabee sagalee Ameerikaaf akka himetti aadaawwan faayidaa guddaa qabanii fi sadarkaa Aaddunyaatti bu’aa buusuu danda’an sababoota adda addaan dagatamaa jiran dhaloota yaadachiisuu fi bakkatti deebisuun beeksisuun barbaachisaadha jedhe. Namoonni fiilmii kana irratti hirmaatanis Ateeteen dubartoota Aangomsuu qofa osoo hin taane mallattoo nagaati jechuun bifa fiilmiin qophaa’ee dhaloota egereef olkaa’uun aadaan akka hin dagatamnee fi akka deebi’uuf bu’uura jedhan. Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa qindeesse.
Forum