Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopyaa Walitti-bu’insarraa Adda Addummaa Isaanii Mariin Akka Furatan Ameerikaan Gaafatte


Lammiiwwan Itiyoopyaa Walitti-bu’insarraa Adda Addummaa Isaanii Mariin Akka Furatan Ameerikaan Gaafatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:28 0:00

Dhaabbati Gargaarsa Misooma Sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteets (USAID) piroojektii waggoota shaniif hojjataa ture kan kaayyoon isaa Itiyoopiyaa keessatti waltajjii siyaasaa ka nagaa uumuu fi wal dhibdee jiru karaa nagaa hiikuu dandeessisu kaayyoo jedhu qabu wixata har’aa jechuun Fulbaana 20 bara 2016 Finfinnee keessatti qophii isaa xumuraa geggeessee jira.

Qophii sana irratti argamanii haasaa kan dhageessisan Itiyoopiyaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis Ervin Maasiingaa, adda durummaa dhaan naannolee walitti bu’iinsi keessa ture Tigraay fi Oromiyaa keessatti hawaasicha irratti fuuleffachuu dhaan hojii irra kan oole sagantaan deggersa Itiyoopiyaa jedhamu ba’ee hedduu argamsiiseera jedhan.

Waggoota shanan darban keessa sagantaan “deggersa Itiyoopiyaa” biyyoota 189 keessa dhaabolii jiran waliin wal ta’iinsaan hojjeteera. Sochiiwwan deggersi ta’eef 375 hojii irra aoolcheera. Tattaaffiiwwan kun hawaasaalee adda adda ba’an gidduu hariiroo jiru cimsuu akkasumas dhimmootii siyaasaa barbaachisoo ta’an irratti namoota kumaan laka’aman gidduutti mariin akka geggeessame gargaaraniiru. Hawaasaaleen naannolee walitti bu’insi jiru keessa jiraatan deggersi qoor-qalbii akka isaaniif ta’u akkasumas bu’uuraaleen misoomaa hawaasummaa deebisanii akka ijaaraman dandeessisee jira.

Walitti bu’iinsaawwan Itiyoopiyaa keessatti itti fufanii jiran dinagdee fi hawaasicha irratti rakkoolee wal xaxaa kan geessisan ta’uu kan dubbatan ambaasaadder Maasingaan, walitti bu’iinsa sana dura waggoota 10 kan ta’uuf dinagdeen biyyattii dhibba irraa guddina dhibba irraa harka 8-10 ga’u kan ture, bara 2023 keessa gara 2.5tti gad bu’uun isaa kanaaf fakkeenya jedhan.

Akka gabaasa Waajjirri qindeessa deggersa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa dhiyeenya ba’eetti, naannoo Amaaraa keesssaa manneen barnootaa 4178 ol cufamuu isaanii fi kanaanis ijoolleen miliyoonni 4 ol mana barnootaatiin ala ta’uu isaanii akkasumas dhiittaa mirga namaa itti fufee jirus tarreessaniiru.

Kanaaf adda addummaa jiru mariin furuu irratti akka fuuleffatamu waamciha dabarsaniiru. Walitti bu’iinsaawwan Itiyoopoiyaa keessaa furmaata karaa nagaa akka argatan gochuuf biyyi isaanii yaalii gootu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoopiyaatti daayrikterri ergama USAID Iskoot Hoklaander sagantaan “deggersa Itiyoopiyaa” jedhu ba’ii argamsiisuu isaa ibsanii, dhaabichi projektiiwwan wal fakkaatan akka itti fufu dubbataniiru jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG