Hoogganoonni Kaarolaayinaa Kaabaa, Obomboleettiin Helen jedhamtu Yunaayitid Isteetis kibba gama baha akeessatti badii cimaa erga dhaqqabsiisee booda hanga Wixata har’aatti naannolee miidhaan irra ga’eef bishaanii dabalataa fi dhiyeessii ka biroo dhiyeessuuf waadaa seenanii jiru.
Angawoota magaalaa Ashiviil dabalatee naannoolee sababaa lolaa dhaqqabeen seenuun hin danda’ameef dhiyeessii ittiin ga’uuf rakkataniiru. Roobni guddaan obomboleettii Heeleen jedhamtu dhaqqabsiise namoonni hedduun naannicha keessatt akka danqaman taasiseera ykn mana isaanii dhabaniiru. Lakkoofsi namoota obomboleettii kanaan du’anii kutaalee biyyattii hedduu keessatti namoota 91 ol ga’ee jira. Tilmaamni haala qilleensaa akka jedhanitti, galaana Atlaantic gama bahaa keessaa haalli qilleensaa galaana ho’isu qilleensa hagas cimaa hin taane fiduu dhaan roobi yandoon roobee walakkeessa torbaniitti obomboleetti dhaqqabsiisuu mala.
Bulchaa kan taan Rooy Kupper gareeleen baraarsaa fi hojjettoonni yeroo hatattamaa naannolee moggaatti qoodamanii fi daandii caccaban akkasumas caasaalee diigamaniif naannoo lolaan bishaanii dhuunfate dhaqqabaa ennaa jiranitti lakkoobsi namoota du’anii ol ka’uu mala jechuun tilmaaman. Angawoonni akka jedhanitti manneen jireenyaa fi qabeenyaa manca’an deebisanii ijaaruun yeroo dheeraa kan fudhatuu fi rakkisaa ta’uu akeekkachiisan.
Obomboleettiin kun jireenya namootaa guutuu Kibba Bahaa biyyattii keessaa danqee jira. Filooriidaa, Joorjiyaa, Karolaayinaa Kibbaa fi Verjiiniyaa keessattis lubbuun namootaa darbuun gabaafameera.
Forum