Ministeerri eegumsa fayyaa Libaanon torban lamaan darban keessa namoonni kuma tokkoo ol du’uu fi kuma 6 kanneen ta’an madaa’uu beeksise. Lakkoofsi kun namoota du'an keessaa meeqa hidhattootaa fi namoota nagaa ta'uu hin dabalatu. Kana malees, mootummaan Libaanon namoonni kuma 250-tti tilmaamaman lola kana jalaa miliquuf qe’ee isaanii baqatanii bakka dahataa keessa qubatanii jiraachuu beeksise.
Lolli kun Israa’el keessaa lubbuu namoota 49 kan galaafate yoo ta’u, naannoo daangaatti immoo kurna kumaan laka’aman qeee isaanii irraa buqqaasee jira.
Dubbi himaan nageenya biyyaalessaa kan Waayit Haawus Joon Kerbii waa’ee taateewwan dhiheenya kana naannicha keessatti raawwataman gaafatamanii, Israa’el balaa kana ummata isaanii fi lafa isaanii irratti mul’atu kana dhabamsiisuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa qabdi” jechuun tajaajila oduu ABC, This Week jedhuuf himaniiru.
Itti dabaluu dhaanis, muddama kana tasgabbeessuuf malli barbaadamuu akka qabu ni amanna jedhan.
Israa’el Nasrallah fi hoggantoota Hezbollaah biroo waliin itti aanaa ajajaa waraanaa garee Warraaqsa Islaamaa kan Iraan ajjeestee jirti. Ministirri haajaa alaa Iraan, duuti Nasrallah deebii utuu hin argatin hin hafu jechuu dhaan Teeraan guyyoota shan gadda labsiteetti.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti Israa’el ajjeechaa Nasrallah irratti raawwatameef deebiin ta’e ni kennama jedhanii eegu, garuu kun ammoo bakka Israa’el ykn Yihudoota biyya alaa jiran irrattis kan qiyyafate ta’uu mala.
Daarektarri Inistiitiyuutii Farra Shororkeessummaa sadarkaa addunyaa kan Israa’el fi ogeettii dhimma Hezbollaah kan ta’an Koloneel Mirii Eesen, haleellaa Hizbullaah Iraan deeggaramuun bara 1992 Imbaasii Israa’el Buunoos Aayires jiru irratti raawwatameen namoota 29 galaafate akka fakkeenyaatti kaasu.
Israa’el lammiiwwna Israa’el biyyootii alaa keessa jiran of eeggannoo akka godhan gaafachuu dhaan nageenya naannoo Embaasilee Israa’el cimsitee jirti.
Forum