Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Hidhattoota Naannoo Amaaraa Keessaa Irratti Tarkaanfii Waraanaa Cimaa Fudhachuu Jalqabuu Beeksise


Mootummaan Hidhattoota Naannoo Amaaraa Keessaa Irratti Tarkaanfii Waraanaa Cimaa Fudhachuu Jalqabuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:29 0:00

Itti gaafatamaan waajjira dhimmotii kominikeeshinii mootummaa kan naannoo Amaaraa Mangashaa Fentaaw fi daayirikterri quunnamtii uummataa raayyaa waraanaa Koloneel Geetinnet Adaanee Kibxata kaleessaa Fulbaana 21 galgala waliin ta’uun sabaa himaaf ibsa kennaniin Finxaaleyyii jechuun kan waamanii fi naannoo sana keessatti qabsoo hidhannoo irra kan jiru garee Faannoo fi qaamotii hidhattoota kana waliin hariiroo qabu jedhe irratti kan kana duraattii bifa adda ta’een tarkaanfii cimaa fudhatamuu jalqabuu isaa beeksisan.

Naannoo sana keessatti walitti bu’iinsi erga ka’ee qabee raayyaan ittisa biyyaa magaalaalee to’achuu dhaan duula giddu galeessa ta’e geggeessaa rakkoon jiru karaa nagaan akka hiikamu yaalii gochaa ture kan jedhan daayirikterri hariiroo uummataa kan raayyaa waraanaa koloneel Geetinnet Adaanee, kun bu’aa waan hin argamsiisiniif gara tarkaanfii humnaatti seenne jedhan.

Itti gaafatamaan dhimmootii kominikeeshinii naannoo Amaaraa Mengeshaa Fantaaw gama isaaniin hidhattoota Faannoo irratti kan jalqabame tarkaanfiin waraanaa cimee itti fufa kan jedhan yoo ta’u, hidhattoota kanaaf deggersa adda addaa taasisu namoota ittiin jedhan itti gaafatamtoota taasisuu dhaan tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera jedhan.

Tarkaanfii waraanaa cimee itti fufe jehanii fi namoota shakkaman to’annaa jala oolchuun yoom akka jalqabamee fi hanga ammaatti ba’ii argames ta’e lakkoobsi namoota qabamanii hagam akka ta’ee fi eenyummaan isaanii ibsa sana irratti hin tuqamne. VOAn waaajjira kominikeeshinii mootummaa federaalaa fi naannoo irraa deebii argachuuf bilbila harkaa isaanii irratti bilbilus, ministeerri tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Dr. Leggesee Tulluu akkasumas itti gaafatamaan dhimmootii kominikeeshinii naannoo Amaaraa Mengeshaa Fantaaw bilbila isaanii hin kaasan.

Naannoo Amaaraa bakkawwan adda addaa irraa jiraattonni VOAf ibsa kennan, Baahirdaarii fi Gondoriin dabalee magaalaalee adda addaa keessaa namoonni hedduun to’annaa jala oolaa akka jiran ibsaniiru. Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan namoonni yaada kennan kun, Yuniversitiiwwan dabalee hojjettoonni waaltaalee adda addaa keessaas to’annaa jala kanneen oolan keessa jiraachuu dubbataniiru. Komiishiniin mirga namoomaa Itiyoopiyaa gama isaan dhimma isaa faana bu’aa akka jiru ibsee jira.

Itti aanaantuu Komishinara Olaanaa ISEMEGU Raakeb Mellesee akka jedhanitti, komishinichi waa’ee walitti qabuun hidhamuu namootaa naannoo Amaaraa irratti raawwatamaa jiruuf yaadaa fi odeeffannoo argachuu dhaann qorachaa jira. Ameerikaa hidhattoota Faano irraa yaada argachuuf yaalii gochaa kan jiru yoo ta’u akkuma argannetti dhiyeessina jechuun yaaluu Kenedii Abaatee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG