Gareen baraarsaa godaantota 100 ol ta’an kanneen namoonni seeraan ala nama deddeebisen galaanatti akka utaalan dirqisiisan andaara galaanaa Jibuutii irraa barbaadaa akka jiran dhaabbati godaantota kan Tokkummaa Mootummootaa Roobii har’aa beeksisee jira. Lakkoobsi namoota galaana qaxxaamuruuf utuu yaalanii du’aniif galmaa’an keessaa kan bara 2024 isa hamaa taasiseera jechuu dhaan, Kibxata kaleessaa yoo xiqqaate reeffi namoota 45 argamuu jarmaayaan godaantuta addunyaa beeksiseera.
Doonii lamaan walumaa gala godaantota Yeman irraa gara Jabuutiitti imalaa turan 310 qabatanii deemaa turan keessaa namoonni 154 biroo baraaramuu isaanii IOM ibsa baaseen beeksiseera.
Godaantota achi buuteen dhabame barbaaduuf waardiyyaan andaara galaana Jabuutii hojii barbaachaa geggeessaa akka jiran jarmayaan kun ibsee jira. Waggaa waggaan namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman jireenya wayyaawaa barbaaduuf gaanfa Afrikaa gadhiisanii karaa biyyoota galoo galaanaa kan IOM daandii gama bahaa jedhutti imalan, daandii addunyaa irraa uummati hedduun irra deemuuf godaantotaaf balaa qabu dha.
Kanneen irraa hafan IOMf akka himanitti kanneen Yabalattii oofan dugdee magaalaa andaara galaana Jabuutii Obok irratti galaana keessatti akka utaalan nu dirqisiisan jedhan. Kanneen lubbuun hafan keessa daa’ima baatii afurii kan haati galaanaan liqimfamte jiraachuu jaarmiyichi ibseera. Godaantonni daangii gama bahaa jedhamu kanaan imalan biyya waraanaan bututte Yemen keessatti waan danqamaniif gara Jabuutiitti deebi’uuf yaalu.
Forum