Humnoonni Israa’el Roobii har’aa naannoo kibba Beerut keessatti haleellaa qilleensaa haaraa kan waraana Hezbollaa irratti qiyyaafate jedhe kan raawwatan yoo ta’u, gareen hidhattootaa kun magaalota Libaanon hedduu naannoo daangaatti argaman keessatti loltoota Israa’el waliin walitti bu’uu isaanii ibseera.
Loltoonni Israa’eel Roobii har’aa haleellaa qilleensaa fi lafoo Kibba Gaazaa magaalaa Kahaan Yoniis keessatti raawwachuu dhaan yoo xiqqaate namoota 51 ajjeesuu fi 82 immoo madaa’uu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaa ibsee jira.
Gollii naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaa waldhabdee naannicha keessatti hammaataa dhufe ilaalchisee mari’achuuf Roobii har’aa walga’uuf qophaa’ee jira, kunis guyyaa tokko dura haleellaa misaa’ela Iraan Israa’el irratti raawwatte dabalata. Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Israa’el Kaatz haleellaa misaa’elaa sana booda ibsa kennaniin muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees komachuu dhaan Guterees Israa’eliin akka hin seenne dhorkamuu isaanii beeksisaniiru.
Haleellaa suukaneessaa Iraan Israa’el irratti raawwatte bifa wal hin gaafachiifneen balaaleffachuu kan hin dandeenye biyyi addunyaa inni kam iyyuu dachii Israa’el irra ejjechuu hin danda’u jechuu dhaan Kaatz dubbataniiru. Guteres Kibxaa kaleessaa ibsa baasaniin haleellaa misaayilaa sana addatti utuu hin kaasin, hokkarri akka dhaabatu gaafataniiru.
Guteres, kan hammaataa adeeme walitti bu’iinsa bal’aa giddu galeessa bahaa kan nan balaaleffadha jedhanii, dhugumatti lola dhaabinsatu nu barbaachisa jedhaniiru. Ministeerri ittisaa Yunaayitid Isteetis Looyid Oostin ibsa Kibxata kaleessaa galgala kennaniin haleellaa Iraan sana balaaleffachuu dhaan, haleellaa suukaneessaa ittiin jedhan.
Prezidaant Joo Baayiden illee Kibxata kaleessaa White House irraa ibsa kenniin, ajaja kootiin, waraanni Yunaayitid Isteetis Israa’el of irraa akka ittistu ni deggera jedhan. Balaa dhaqqabe qorataa jirra, hanga nuti beeknutti haleellaan sun dhaabateeraa, balaa hamaas hin dhaqqabsiisne jedhan. Hin dogoggorinaa, Yunaayitid Isteetis guutummaa guututti Israa’eliin ni daggerti jechuun Joo Baayiden dubbataniiru.
Forum