Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Allamaaxaa Keessatti Walitti-bu’insa Uumameen Namoonni Lama Ajjeesamuu Jiraattonni Dubbatan


Magaala Allaamaaxaa keessatti walitii bu’insaa guyyaa kaleessaa raawateen namoottan lamma ajjefamuu isaanii jiraattonii sagalee Amerikaatti himanii jiru. Akka jeraatonii kun jedhaniitti namooni kun kan du’an magaala Allamaaxaa keessatti sirna barnootaa naannoo Tigraay irratti hundaa’udhaan baratootaa galmeesuun “jalqabameeraa” waan jedhu mormuudhaaf dargagootaa daandii irratti bahan irratti rasaasa dhukaasaameni.

Akka jiraattonii jedhaniitii dhukaasa sana kan raawatan hidhaatootaa ABUT kan jedhaniidha. Bulchiinsaa magaala Alaamaxaa isa mootummaa naannoo Amaaratiin hundeefameef kantiibaa ta’uu isaanii kan ibsan obbo Hayilu Abera haleellaa sana kan raawatan maqaa baqatootaatiin kan magaalicha seenan hidhatootaa ABUT jechuudhaan himataniiru.

Karaa biraatiin bulchiinsaa yeroo magaala Allaamaaxaa isa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayiin hundeefameefi kantiibaa akka ta’an kan ibsan obbo Zinaabuu Dastaa lubuun namootaa kan darbee fi miidhaan qaamaa kan qaqqabe gareewwan isaani “ wareen nageenyaa hin barbaaneefi Ajandaa siyaasaa biraa qabanuun meeshaa hidhatanii wareen hiriira bahaniiti makamaniin akka ta’e ibsuu isaanii Masfin Arraagee Dassee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG