Paartileen mormituu shan, kanneen miseensota Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa, kanneen gaaddisa paartilee siyaasaa biyyattii keessatti seeraan galmaa’an, koreen hojii raawwachiiftuu mana marichaa yeroo aangoo isaa dheeressuuf jecha seera jijjiiruuf hojjechaa jira jechuun himatan.
Har'a magaalaa Finfinnee keessatti ibsa waloo gaazexeessitootaaf kennaniin hoggantoonni Kongirasii Federaalistii Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo, Paartii Warraaqsa Ummata Itoophiyaa, Paartii Dimokraatawa Ummata Welayitaa fi Hibir Ethiopia, karoora daangaa yeroo dheeressuuf qophaa’e jedhame irratti mormii cimaa akka qaban ibsan.
Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota Siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Jebessa Gabissa koreen hojii raawwachiiftuu kanaan dura xalayaa gaaffii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessee jira jedhu. Dura taa’aan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa Dastaa Dinqaa koreen hojii raawwachiiftuu hanga walgahiin Yaa’ii Waliigalaa gaggeeffamutti aangoo irra turuu qaba jechuun falmu.
Forum